Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezdaanti Obaamaan Imaltuuf Jappaan Jiraa Addunyaa Nukileera Waraanaa Hin Qamne ‘Arguu Fedha’


Obaamaan Imaltuuf Jappaan Jiraa Addunyaa Nukileerii Waraanaa Keessa Hin Jirre Arguu Fedha
please wait

No media source currently available

0:00 0:00:20 0:00

Obaamaan Imaltuuf Jappaan dhaqee muummee minsitea biyya sunii Shinzoo Abee waliin Hiroshima jira

Adoolessa 6,bara 1945 gaafa waraanii Amerikaa Waranaa Addunyaa Lammeessoo dhaabuuf magaalaa Jappaan Hirooshimaa fi Nagasaakii bombii nukileeraa, A-BOMB(atomic bomb) jedhan itti harcaase.Hiroshimaan magaalaa addunyaa irratti qaraa bombii naminuu waliin hadhee hin beenneen hadhan.

Maqaan xuyyuura Humna Qilleensa Amerikaa bombii sun Hirooshimaatti harcaasee Enola Gay jedhan.Bombiin suniin nama kuma 80 tahutti yoosuma dhumate.

Guyyaa sadii qofa oolee xuyyuurii Amerikaa ammallee bombii nukileeraa lammeessoo magaalaa Nagasaakiitti harcaase.Achilleetti nama 40 caalutti dhume.Nama yoosi dhumate malee hedduutti suniin duubatti qaanqee qilleensa keessa facaateen dhumate.

Waraanii Addunyaa Lammeessoon,bara addunyaa matooma wal irraa barbaadattee humna haga wal beekuuf wal hadhaa baate.

Bombiin gaafas magaalaa Jappaan suniin hadhan bombii hamtuu qilleensaa fi muka dhiisii nama naannoo sunitti dhiyaatu cufaa balaa irra buuftu.

Waraanii Addunyaa Lammeessoolleen sunumaan dhaabate.Eegii sunii asitti addunyaa akka biyyootii bombii nukileeraa hin hojjannee fi warrii hojjatelleen diqqeeffatee,ka hin qamne ammoo hin hojjanne dhaamattee seerallee baafatte.

Barii sun ganna 70 duratti tahullee madaan gaafasii ammallee garaa namaa keessaa hin banne.Obaamaan bulchoota Amerikaa adoo hujii irraa jiranuu Hirooshimaa imaltuu dhaqan ka qaraati.

Lubbuu ummata Jappaan ganna 70 duratti bombii nukileera Amerikaan magaalaa Jappaan Hirooshima irra buufteen dhumate ulfeessee yaadannoo isaaniilleef daraaraa irreessaa Paarkii magalaaa Hriioshimaa keessa jiru irra kaahe.

Akka addunyaan ammallee Jappaan gargaartee balaa nukileera waraanaa irraa oolchitu gaafate,pirezidaanti Obaamaan.

Wadhakkaa magaalaa namii keessatti dhumatee dhaabannee waan ummatii sun[Hiroshimaa] gaafas keessa dabre qaabanna jedhe pirezdaanti Obaamaan yoo fulaa warra magalaa Hirooshima keessatti bombiin dhumate qabaachuuf jaaran keessaa dhaabatee dubbate.

Ijoolleen didiqoon yoo waam Hirooshimaa keessatti bombii namaan fixanii sun qaabattu maalti mataa isaanii keessa dhufa jenne ufi gaafachuu malle jedha.Warra garaa keessatti boohaa,gaargala hamaa keessa dabrellee qaabachuu malllee jedhe yoo bulchoota Jappaan waliin Hiroshimaa keessaa dubbate,Obaamaan.

Pirezdaatii Obaamaan muummee ministera Jappaan Shinzo Abee waliin paarkii yaadannoo ummata gaafas dhumateetiif jedhanii jaara keessaa deemaa tana dubbate.

Pirezdaanti Obaamaan dhiyoo tanaayyuu Eezhiyaatti imaltuu jiraa addunyaa nukileerii waraanaa keessa hin jirre ‘arguu fedha.’ Obaamaan eegii pirezidaantii tahee marroo 10 Eezhiyaatti imaltuu dhaqe.

XS
SM
MD
LG