Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dho’iinsi Moqaadishoo keessatti Dhaqqabe Lubbuu Galaafate


Dho’iinsi Moqaadishoo keessatti Dhaqqabe Lubbuu Galaafate
Dho’iinsi Moqaadishoo keessatti Dhaqqabe Lubbuu Galaafate

Dhuka’aan konkolaataa keessatti kiyyeeffamee har’a ganama Moqaadishoo keesatti dho’e lubbuu nama tokkoo galaafachuu angawoonni Somaaliyaa keessaa beeksisaniiru.

Madden naga eegumsaa akka jedhanitti namni eenuymmaan isaa adda hin bafamne konkolaataa sanaan gara hojiitti deemaa ture. Kanneen biroo hedduun illee dho’iinsa sanaan miidhaan irra ga’uun gabaasameera.

Dhuka’aan konkolaataa irraa sun buufata xayyaara Moqaadishoo irraa gama kaabaatti kan argamu konyaa Waberi keessatti dho’e.

Haleellaa sanaaf itti gaafatama kan fudhate hin jiru garuu dho’iinsaa fi ajjeechaa Somaaliyaa keessaaf yeroo hedduu al-Shababtu itti gaafatama fudhata.

XS
SM
MD
LG