Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hanqinni Nyaataa Itiyoopiyaa keessaa yaaddessaa dha jedha OCHAn


Tokkummaa mootummootaatti waajjirri gargaarsa qindeessa namoomaa dameen Finfinnee gabaasi inni baase waggaa kana bokkaan arfaasaa roobuu dhabuu isaatti aansuu dhaan bokkaan yeroo gannaa kutaalee biyyattii hedduu keessatti hamma barbaadameen gad waan tureef dhiibbaa inni qabaate tarreessee jira.

Wabiin nyaataa gad adeemaa deemuu isaaf lakkoobsi gargaaramtootaas akkaan ol ka’uu isaa yaadachiisee jira. Walumaa gala yeroo yerootti dabalaa kan adeeme gargaarsa yeroo hatattamaa fi halli jiru hammaataa adeemuu akeekkachiiseera.

Wagoota adda addaa keessa haalli qilleensa Elniinyoo mudachuun ba’ii isaan Itiyoopiyaa keessatti argamsiisanii fi yeroo ammaa biyyattii keessatti kan argamu fedhii gargaarsa midhaan nyaataa qorachuu dhaan bara 2015 keessa kan barbaadamu gargaars midhaan nyaataa fi hanqinni nyaata madaalawaa dacha kan dabalu ta’uu isaaf tilmaamni jiru dhugaatti dhiyoo ta’uu ochaan akeekkachiiseera.

Itti aansuu dhaanis dhiibbaa Elniinyoon dhaqqabsiise mul’achuu jalqabeera. Dararaan uummata irra ga’us sadarkaa sodaachisaa irra ga’eera jedha.

Gareen gargaarsa biyyaa kan Itiyoopiyaa OCHAn gama isaan “ The Ethiopian Humanitarian country” jechuun qaamni inni moggaase badii ilmoo namaa irra ga’uu fi hamaa kana ittisuuf waggoota darban keessa kan argaman bu’aan misoomaa akka hin danqamne arjoomtootaaf waamicha dabaruu illee gabaasumti torbanii kan OCHA kun beeksiseera.

Ibsi kun itti dabaluu dhaan wabiin nyaataa gad bu’aa adeemuu isaan dursaan kan miidhaan irra ga’u ijoollee umuriin isaanii waggaa shan gad ta’an, dubartoota ulfaa fi haadholii harma hoosisan gara waaltaa itti nyaachisan dhufaa jiraachuu isaanii ibsee jira.

Lakkoobsi isaanii baatii Hagaya darbe ture waggaa darbe baatii dhuma wal fakkaatu keessa kan ture irra dacha dabaleera jedha ibsi OCHA kun.

Akkuma Kanaan erga Hagaya bara 2015 qabee lakkoobsi namoota gargaars midhaan nyaataa argatanii miliyoona sanitti siqa. Jaarmayaan gargaarsa nyaata addunyaa WFPn immoo nuusa bara 2015 keessa ijoollee hanqina nyaata madaalawaan miidhaman kanneen kuma 374 ta’an gargaaree jira.

Waaltaleen itti nyaachisan kun kutaalee biyyattii hedduu keessa jiraachuu kan ibse immoo dhaaba gargaarsaa “Child Fund” jedhamu tokko ta’uu Reuters gabaaseera.

Dhaabi gargaarsa kun hanqina nyaata madaalawaan daa’imman miidhamaniif kutaaleen biyyattii waaltaa itti nyaachisan keessatti hundeesse Affaar, Amaaraa, Oromiyaa, naannoo uummattoota kibbaa, Somaalee fi Tigraay ta’uu gabaasi kun tarreesseera jechuu dhaan Meleskachew Amahaa Finfinnee irraa gabaaseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG