Xurree ittiin seenan

Breaking News

Odu Gabaasaan VOA Hidhaa Dhaa Hiikame


Odu gabaasaan radiyoo sagalee Ameerikaa piiter Haaynlaayin hidhaa keessaa gad dhiisamee jira. Haalli fayyummaa isaas yeroo buufata poolisiitti geessame qufaa isa qabe irraan kan hafe nagaa ta’uu isaa ibseefii jira. Haa ta’u malee yeroo poolisiin isa qabetti takaaroo uumameen kufee dugda isaa irra dhukkubbii xiqqoon kan itti dhagaa’ame ta’uu isaa dubbate piiter.

Poolisoonni haleellaa irraan ga’uuf yaaluu isaaniis gaafatamee haleellaan kan isa irra hin geenye ykn yaaliin kan hin godhamne ta’uu dubbatee waa’ee haala uumamee ennaa ibsu Angawoota poolsii haga tokko waliin dhaabadhee yeroon dubbataa turetti battaluma sana bilbilli koo waame. Gulaalaa VOA keessaa kan Johannesburgiin jirtu Jenifer Jenin turte. Kan isheen naaf biblte akka tasa ture.

Anis battluma sana bilbila kootti jedheen to’annaa jala na oolchan jedheen iyye. Isheenis dhageesseetti jedheen abdadha. Meeshaan ittiin waraabu fi mobila koo erga na harkaa fudhatanii booda to’annaa jala na oolchan. Yeroo sanas nan kufe, dugda koonan lafa rukute, garuu miidhamni koo xiqqoo dha jedhe.

Radioyoon sagalee Ameericaa waajjira isaa guddoo Washington jiru irraa ibsa baaseen Heinlein gad dhiisamuu isaatti gammadee jira.

Ibsi sun akka jedhutti Heinlein nama oguma isaan beekamaa fi gaazexeessaa kabajamaa kan haala Itiyoopiyaa keessa jiru karaa madaala eegee fi dhugaa ta’een gabaasuu dha.

Dararaa gaazexeessota kan akka Mr. Haayinlaayin irra ga’u ilaalchisee yaaddoo qabna, kanaaf mootummaan gaazexeessonni kun sodaa tokko malee hojii isaanii akka hojjetaniif akka eeyamu gaafanna jedha ibsi sun.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaga'aa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG