Xurree ittiin seenan

Breaking News

Of Ajjeefte Jedhu Polisonni Lebaanon


Lebaanon Beeyruut keessatti hojjattu mana namaa ta’uun jiraataa kan turte Alam Dachaasaa wal’ansaaf Hospitaala eega seentee booda achumatti of ajjeefte jechuun poolisiin biyyattii beeksisee jira.

Namni Alamiin hojjechiifataa turee, sababaa ni dhukkuba, jedhuun akka isheen gara Itiyoophiyaatti deebifamtuu qoonsilaa Itiyoophiyaa Beeruut keessa jirutti geesse ture.

Garu qonsilaa Itiyoophiyaa kan ta’an Obbo Asaaminnew Debelee akka jedhanitti Alam ituu biyyatti hin deebifamiin dura wal’ansa fayyaa argachu qabdi jennee waan itti himneef namichi geessuuf jennaan diddee, sana booda polisii waamnee isaan Hospitaala ishee geessan jedhu.

Alam waajiira qonsilaa sana biratti kokolaataa namtichaa seenuu yeroo diddeetti reebicha, rifeensa qabanii lafa irra harkisuu akkasumas iyyaa bo’aa fi akka turte vidiyoon waraabame agarsisee jira.

Qonsilaan callinsaan ilaale sun ishee oolchuu ni danda’a ture komee jedhuuf Obbo Asaamneew deebi kennaniin ana qofaatu waajiira keessa ture, poolisii waamee booda immo dhaqee Alamiin dubbiseera. Sana booda poolisiin gara mana yaalaatti ishee gesse jedhu.

Haadha ijoolee sadii kan taate Alam Dachaasaa ijoolleen ishee ka biyya jiran ta’uun beekamee jira.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG