Xurree ittiin seenan

Firiidam Haawus: Barrii 2015 Bara Ukkaamsaan Piresii itti Hammaate


Gabaasni  Firiidam Haawus harra baase  oggoota 12maan darbban keessaa barii 2015 barreengaddan yeroo haallii piresii fi miidiyaa itti hamaate jedha.

Gabaasni  Firiidam Haawus harra baase  oggoota 12maan darbban keessaa barii 2015 barreengaddan yeroo haallii piresii fi miidiyaa itti hamaate jedha.

Dhaabbanni Firiidam Haawus (Freedom House) jedhammu, han mirgi dhala nama akka fooya'uu fi dimookraasiin akka baballaatu gochuu irratti hojjachuuf hundeeffame. Dhaabbanni kun oggaa oggaadhan dhimma piresii fi gaazexesootaa irratti gabaasa qorannoo irratti hundaahe baasa. Gabaasa haala bara 2015 laalchise harra baaseen oggoota 12 darban keessaa barrengaddan yeroo haalli piresii fi miidiyaa itti hamaate jedha. Mootummoonni dhiibaa siyaasa , yakkamtoonni fi shororkeessitoonni immoo waallaansoo humna ofii jabeesuudha godhaniin sab-quunamtiilee fi hojjatoota ukkaamsuu irratti waan bobba'aniif, bara darbee kana halli miidiyaa walabaa akka malee hammaatera.

Siiriyaan barana biyya dhiibbaan piresii itti hamaate; gabaasnni harra bahe kun, CPJ ( dhaabata Mirga gaazexeesootaati falmuudhaa dhabbate) ragaa godhatee hoo xinnaate gaazexeesoonni 14 bara 2015 Siiriyaa keessatti ajeefamuu isaanii dubbata.

Dhiibaanii fi sodaachisoon gaazexeesota irraa akka addunyaatti gahaa jiru hojii isaan dhowwuu fi warri jabinaan, hojjatanii hojii isaanii hawaasa keessaa bahaniif addunyaadhan gahan garuu "lubbuu isaanii rakkoodha saaxilanitti" jedha Firiidam Haawus.

Gazexessitoota Faransaay , barruulee kaartuunii hojjachaa turan 8 Amajii 2015 akkataan itti ajjeefaman, biyyota walaba jedhaman keesaattu gaazexeesoonni eessumaattu hojii hojjataniin harka yakkamtootaa galuu akka danda'anis yaadachiisa.

Gaazexeesoonin biyyoota Bahaa fi Kibba Afrikaa dhiibaa mootummaan irran gahuu akkasumas, jeequmsa achi jiruu irraa han ka'e rakkoo guddaadha saaxilaamaa jiranchus ibsa gabaasichi. Biyyoota gaazexeesitoonni haala siyaasaatin waalqabatee seeraa adda ta'en itti gaafataman keessaa Itoophiyaa, Ugaandaa, Taanzaaniyaa fi Keeniyaan eeramaniiru.

Gabaasni Firiidam Haawus han bara barana , biyyoota Giddu-galeessa Bahaa fi Turkiittis ukkamsaan piresii hammaatera jedha. Biyyoota kana keessatti gaazexeessonni, karaa tokkoo motummaan karaa biraammoo milishoonni asiif achi isaan harkisaatii, mirga walabaan hojii ogummaa isaani hin hojjanee ta'aniiru jedha.

Karaa biraatin, Chaaynaatti, hojjiwwan miidiyaa keessumattuu han intarneetii irratti bahan, dhimmaa halaa qilleensaa fi diinagdee irratti xiyyeefatan, mootummadhan gulaalaman; kunis gaazexeesota mirga dhabsiisera jedha gabaasichi.

Dhaabbata Firiidam Haawusti Daayreektariin dhimma qorannoo mirga miidiyaa walaabaa addunyaa, fi gabaasa bara baranaa kana han bareessite Jeenifar Duunhaam, dhiibban miidiyaa fi gaazexeessoota irratti biyyoota Gaafa Afrikaa han akka Eertiraa, Sumaalee fi Itoophiyaa keessatti foyyee hin agariisne jedhan. Gabaastuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaa, Salem Salamon hala Itiyoophiyaa keessaa gaafii isaan gafatee Addee Jeenifar oggaa deebisan, "Akkuma beektu amma mootumman dhimmoota mormii Oromiyaati fi soochiilee mootumman hin deggaree irratti xiyyeeffata. Keessumatuu mormii Oromiyaatin walqabatee sochii sab-qunnamtii hawaasummaa jiru hin jaalanne, ukkamsaa jira. Kunimmoo waan nama dinquu miti, haraas miti. Mootummaan Itoophiyaa lammiwwan biyyatti akka odeeffannoo hin arganee cimeet hojjata, torra intarneeti namni hundi akka hin arganees akkasuma" jedhan.

Jenifer dabaluudhaniis seerii shororkeessummaa falmuufi jettee Itoophiyaan baaste, han gaazexeesot ittin himachuudha fayyadamaa jirtu sababa hawaasnni addunyaa dhibbaa irratti gochuu dhiiseef, biyyoonni ollaa Itoophiyaa han akka Taanzaaniyaas seera akkasii baasanii gaazexeessota hidhaatii jiraachuu dubbatan.

Gabaasnni kun "akka addunyaatti namoonnii harki 46 miidiyaa walabaa hin argatan, odeeffannon isaan argatan han mootumman gulaalu" jedha.

Bara darbee, jechuniis bara 2015, biyyootaa mirgi miidiyaa itti hammaate keessaa Baanglaadhiish, Turkii, Buruundii, Faransaay, Seerbiyaa, Yaman, Masrii, Makadooniyaa, fi Zumbaabeen keessa jiran. Biyyoonii 10 han halli kunn itti hammatuu kessaa immoo Syiriyaa, Kuubaa, Kooriyaan Kaabaa fi Ertiraan maqaa dhahamaniiru.

XS
SM
MD
LG