Xurree ittiin seenan

Oolaantummaan Seeraa Kabajamaa Hin Jiru

  • Jaallannee Gammadaa

Yemen keessatti lammi Somaalee ajjestan jedhamuun waggaa 8 duraa kaase hidhaa keessa kan jiran Naziif Mohammad fi Xaahiir Kadiir manni murtii sadarkaa olaanaa kan yemen himata jedhameef ragaa tokko dhabuu isaa ibsee walaba nuun jedhe murteessu iyyu hidhaa keessatti dagatamne jedhu.

Baqattoota ta’uu keenyaaf dhaaba baqattootaa ykn UNHCR biraa waraqaa qabna garuu UNHCR waan dhimma keenya nu xumuure hin qabu jedhan.

Hidhaa keessaa yoo baane iyyuu, maatiin namicha ajjefamee haaloo waan nu irratti ba’aniif jecha yemen keessa jiraachu hin dandeenyu yaaddoo jedhu qabu.

Waajirri UNHCR Sana’aa jiru garuu dhimma baqattoota kanaa hordofaa kan jiruu fi gara fuula duraatti itti dhiyeenyaan kan ilaaluu ta’uu ibseera.

Guutuummaatti MP3 tuquun dhaggefadhaa

XS
SM
MD
LG