Xurree ittiin seenan

Magaalaaleen Oromiyaa Hedduun Tohannaa Waraanaa Jala Jiru Jedhan Jiraattonni

  • Jaallannee Gammadaa

Hirirri mormii gara torbanneen sadiif Oromiyaa keessatti geggeessamaa ture har’as godina Harargee Bahaa fi Dhihaa keessatti itti fufee ooluu isaa jiraattonni ibsaniiru.

Qnnaan bultoonnii godina Harargee Bahaa aanaa Hara-Maayaa kallattii afuriin hiriira bahanii turan. Garuu magalaaa Haraa-Maayaa keessatti hiriifu yaalanii waraanni mootummaatiin handaara magaalatti irratti ittifamuu isaanii dubbatan.

Harargee Dhihaatti ammoo barattoonnii har'as hiriira mormii geggeessuu isaanii dubbatan.

Gama biraatiin ammoo magaalaaleen godina Oromiyaa adda addaa waraanni mootummaa tohataa waan jiruuf bahanii galuunis akka hin dandahamne jiraattonni dubbachaa jiran.Gaaafii fi deebii geggeefame caqasaa.

Gaafii fi deebii kana dhaggeeffadhaa

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG