Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa fi Tajaajila Eegumsa Fayyaa Waggootii Digdamaa


Tajaajila eegumsa fayyaa oromiyaa keessaa irra heedduun isaa dhukkuboota daddabraa irratti kan fulleefate ta'uu kan ibsan itti gaafatamaan waajjira eegumsa fayyaa Oromiyaa Obbo Shaalloo Dhaabaa, fayyaan da'immanii fi haadholee kanneen ilaalcha argatan keessaa ta'uu hubachisanii jiru.

Oromiyaa keessatti buufatii fayyaa duraan 53 qofa turan yeroo ammaa 1012 ga'uu isaa ibsanii lakkofsi Hospitaalootaa waggaa shan dura gara 20 ture amma 42 ga'uu ibsan.Hojiin tajaajila eegumsa fayyaa hojjattoota eksteenshinii fayyaan gaggeefamu hawaasa keessatti milka'iina argamsisuu isaa kan ibsan obbo Shaalloon, irra hedduun hojjatoota kanaa durboota ykn dubartoota ta'uun rakkoo fayyaa kan dubartootaa furuun heddu gargaare jedhu.

Gama kaaniin Biiroo fayyaa oromiyaatti itti gaafatamaa kutaa ittisaa fi to'annaa HIV/AIDS kan turan Dr. Ibraahiim Ammee Elemoo, tajaajila eegumsa fayyaa kana gaggeesuuf bajatni mootummaan giddu galeessaa Oromiyaaf ramadu ga'aa waan hin taaneef hojiin gaggeefame quubsaa dha jechuu hin dandeesisu jedhan.Bal'ina lafa Oromiyaa fi heddumina uummataa ituu hin ilaaliin naannoo biroon qixxee bajata waan ramadaniif jedhu Dr Ibraahiim.

Rakkoon biraa gama humna nama baratee ijaaruuf dandeettiin hin jiru kan jedhan Dr.Ibraahiim Hospitaalonni haaraa ijaaraman jedhaman tajaajila bishaanii, ibsaa fi kanneen biroo hin qaban jedhu.Hojjatonni Eksteenshinii gama dhukkuboota ittisuun hawaaasa barsisuu keessatti qooda guddaa qabaatan iyyu kan dhukkubsate wal'anuuf oguma waan hin qabneef jecha hojiin milka'iina qabu gaggeefame jechu hin dandesisuu jedhu.

Waluumaa gala jedhu Dr. Ibraahiim tajaajila eegumsa fayyaa oromiyaa keessaa ilaalchisee jijjiramni hangi tokko jiraatuus, bulchiinsa naannoo ka biraa waliin wal cina yeroo ilaalmu kan Oromiyaa keessaa haala gaddisiisaa keessa jira jedhan.

MP3 kutaa adda addaa tuquun guutummaa isaa dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG