Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Duulli Hidhaa Amma illee Itti-fufee Jira Jedhu Dhaabonni Mormitootaa



Paartiileen mormitootaa Oromoo lama Koongiresiin Uummata Oromoo fi Warraaqsi Federaalistii Uummata Oromoo Miseensotaa fi deggertoota isaanii dabalee namoota hidhuun Oromiyaa keessatti akka haaraatti jalqabe amma illee bal’inaan itti fufee jira jechuun himatu. Addi Bilisummaa Oromoos hidhaadhuma kana ilaalchisee torban kana ibsa barreeffamaan facaaseen duula hidhaa ilmaan Oromoo kallattiin qiyyaafatee geggeeffamu dhaabsisuuf hawaasni addunyaaf uummatoonni Itiyoophiyaa waan danda'ame akka godhan waamicha dhiheessee jira. Koongiressa Uummata Oromoo irraa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kan ibsa kennan Obbo Olbaanaa Leellisaa, duulli hidhaa haaraan dhiheenya jalqabame godinaalee Oromiyaa akka Wallga Bahaa fi Dhihaa, Iluuabbaaboor, Jimmaatti akkasumas Finfinnee naannawa isheetti miseensota paartii isaanii fi ka paartii Warraaqsa Federaalistii Oromoo irratti haala yaaddessaan itti fufuu dubbatu.

Poolisoota harkaa akka ragaa akka argannetti haga ammaa namoonni dhibba lamaa haga dhibba sadii hidhamanii jiru, jedhu. Barreessaan Warraaqsa Federaalistii Dimookiraatawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaas jechuma Obbo Olbaanaa deggeruun inumaa Godinaa Gujii keessatti immoo daranuu hammaatee jira jedhu.

Ka gidduu kana bahe ibsi Adda Bilisummaa Oromoo immoo Oromoonni humnoota Mootummaa Itiyoophiyaatiin dhiheenya hidhamaa jiran lakkoobsi isaanii sirriitti beekamuu dhaa baate iyyuu dhibbootaan akka lakkaawamu dubbata.

Haala rifaasisaadhaan hidhaan lammiwwan Oromoo hedduu irratti geggeessamaa jiru kun Ka lammiwwan Oromoo doorsisuu, hidhuu fi ajjeesuun murannoo uummatichi bilisummaa fi murtii-haqaaf qabu laaffisa - jedhee amanu, Mootummaan Adda Bilisummaa Uummata TIGRAAYiin hoogganamu abdii murachuu isaa ifa taasisa ka jedhu Addi Bilisummaa Oromoo, qabsoo nagaa fi bilisummaaf geggeessamu deggeruu akka itti fufu ibsee, uummatni Oromoo akka qabsoo isaa itti fufu, hawaasni Addunyaa keessumaa uummatoonni ETHIOPIA Oromoota fayyaaleyyii badii isaanii malee marsamanii qabanii fi gidirsaman lubbuu oolchuuf waan danda’amu akka godhu waamicha dhiheessee jira.

Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa Obbo Melles Zeenaawii ammoo gama biraan ibsa dhiheenya kana kennaniin hidhaa yeroo ammaa Itiyoophiya keessatti mul’atu, leenjii fi qajeelfama hookkaraa Mootummaan Ertiraa kennee, dhaabonni Mootummicha waliin hidhata qaban itti hirmaatan wajjiin akka wal-qabataa taheetti eerab. Ertiraan magaalaa Finfinnee Baagdaad gochuu feeti jechuun balaaleffatan. H

ookkara karaa irraatiin Finfinnee haala wal-fakkaatuun gara Baagdaaditti jijjiiruuf akeeka jedhu shaffisiisuuf, jarjarsuuf Shaabiyaan bal’inaan carraaqaa jira. Ergamtoota isaatti qajeelfama keessa hin deebi’amne kennee jira. Hundaafuu. Gama kanaan hojiiwwan adda addaa akka hojjetaa jiran ni beekama. Kanaaf jarreen kun, sochii hookkaraa geggeessuu kanneen fedhani, tarii immoo kanneen yaalani. Kana malees kanneen sirna heeraan kaayame hin fudhatiin garuu, kana ifatti gochuun kan isaan hin baafne waan taheef, karaa seera-qabeessa hojjechuuf filatan humnoonni polotikaas yoo haalli miija’eef akkuman duraan dubbadhe, itti sigaachuun isaanii akka hin hafne duraanuu ka beekamu jedhu Obbo Melles.

Dhaggeeffatoota keenyaa namoota dhibbaan lakkaawaman OROMIYAA keessatti hidhamaa jiran jedhaman kana ilaalchisuun, Koomishina Poolisii Oromiyaa dabalatee qaama Mootummaa kaan irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone haga ammaa hin milkoofne. Yoo deebii argannee guyyoota fuul-duraa keessa itti deebina.

Ammaaf qophii guutuu MP3 tuquun caqasaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG