Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaldi Tiraampi bulchiinsa isaatti kaabinee filachumatti jiraa kaleellee bulchoota dhaabbilee teknooloojii Amerikaa hedduun wal mari’te


 Tiraampii fi bulchoota dhaabbilee Teknooloojii Amerikaa waliin mariitti jiran.Mudde 14,2016 New York
Tiraampii fi bulchoota dhaabbilee Teknooloojii Amerikaa waliin mariitti jiran.Mudde 14,2016 New York

Doonaldi Tiraampi,jaara ganan 70 ti,addunyaa keessa durummmaan beekama. Pirezidaantii Amerikaa 45esso tahuuf filatame.

Ammajii 20,2016 hujii jalqaba hagasittuu kaabinee qixeeffachumatti jira. Kalee itti gaafatmatoota dhaabbilee teknooloojii Amerikaa bebeekamoon walti dhufee wal dubbate.

Akka itti gaafattootii waajjira Tiraampi jedhanitti akka hujii uumanii fi qarooma jabanaa dabalaniin irratti wal dubbatan.

Bulchootii teknooloojii Amerikaa bebeekamoo Tiraampi kalee waajjira isaa New York keessatti wal dubbate;Facebook, Amazon, Googlee fa.

Tiraampi jara kora waliin taahe kana akkana jedhee faarse; “ama akka jara kanaa hin jiruuyyuu.”

Jarii kun warra qarooma jabanaa gama teknooloojiitin uumu.Bulchootii sun waan kora sunii hin dubanne hagii dubbate ammoo maroo bu’aa qabdu qofa jedhee calllise.

Adoo tana dubbannuu bulchootii Amerikaa hedduun bulchiinsa mootummaa Obaamaallee dabalee Raashiyaan akka Tiraampi filannoo pirezidaantummaa dhossaan isa gargaaraa bahanii jedhanii qorachiisuuf kurfoo jiran.

Tiraampi ammoo tun dharaa adoo silaa Raashiyaan filannoo Amerikaa jalaa hattee bulchiinsii Obaamaa maaniif haga ammaa turaa jedhee gaafate.Woma taateefuu qorachuuf jiran.

XS
SM
MD
LG