Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aleeppoo,magalaaa Siiriyaa ta bobahuutti jiru taan keessaa nama kuma hedduu baqachiisuutti jiran


Loli diqqo qabbanaahee jennaan nama baqachiisuutti jiran.Muddee 15, 2016.
Loli diqqo qabbanaahee jennaan nama baqachiisuutti jiran.Muddee 15, 2016.

Duruu kuma hedduutti keessatti dhumatee kuma kuma hedudutti akkuma tahu tahee keessaa baqate,ammallee kuma hedduutti lola duraa bahuu dadhabee du’aa fi jireena jidduu jira.

Aleeppoo,magaalii Siiriyaa guddoon lammeessoo lafa mootummaa Siiriyaatii fi waraanii mootummaa kanaan wal hadhu wal irraa fudhachuuf irratti wal balleessuutti jiru.

Warrii wal hadhu lola wal irraa dhaabuu didee namallee baqachiisuu dadhaban.Amma akkuma taateefuu haga namii baqatutti jedhanii lola dhaabanii nama bassuutti jiran.

Ambulaansii fi otoobusiin mootummaa hedduutti jra kana akkana nama baqachiisani madooleelleen hedduu.

Milishootii mootummaa Siiriyaa gara galchuuf lolan magaalaa Aleeppoo gama Bahaa keessatti cibraa teessifatanii irratti dhowwatanii mootummaa Siiriyaa ufi irraa hadhuutti jiran.

Akka Koree fannoo Diimtuu fi baati diimtuu jettutti warra baqachiisan kun amma ya lafa nagaa gahee amma madoolee hospitaalatti akimuuti jiran.Taatullee akka qasaahotii mootummaa Siiriyaa gara galchuuf lolan waraanii mootummaa waraana nama baqachiisu karaatti hadhan.

Akka dhaabii fayyaa addunyaa jedhutti otoobusii 21 fi ambulaansii 19 waraana duraa nama baqachiisuutti jira.Aleeppoo keessatti nama kuma 50 caalutti waraana jidduutti marfame.

Mootummaan Siiriyaa ganna 50 caalaa maatiitti walii dhaalaa biyya bulchaa bahe jedhanii fi milishootii mootummaa kana gara galchuu fedhan ganna shan caalaa hadhaa bahan.

Nama kuma dhibba hedduutti dhumatee miliyoona lamaa caalaatti baqate.

XS
SM
MD
LG