Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhaa Fi Dararaan Ittuma Fufe Qaamni Itti Iyyatan Hin Jiru: Mormitoota


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Namoonni hedduun amma iyyuu hidhamaa kanneen qabaman kaan eessa akka jiran hin beekamu kaan immoo himannaan utuu irratti hin dhiyaatin jiru jechuu dhaan itti aanaa itti gaafatamaan Kongeresii Federaalawaa Oromoo obbo Mulaatuu Gammachuu VOAf ibsanii jiru.

Labsiin yeroo hatattamaa erga labsamee as kan itti gaafatamummaan hojjetu “Command Post” dha waan jedhameef caasaan isaa diriirfamee haa jiraatu malee godinaalee adda addaa keessa Command Post eessa akka jiru, eenuyu itti gaafatamaa isaa akka ta’e hin beekamu jedhan obbo Mulaatuun.

Itti gaafatamaan waajjira kominikeeshinii Itiyoopiyaa Dr. Nagarii kana dura gaaffii fi deebii VOA waliin geggeessan irratti

Namoonni to’annaa jala oolan akkaataa itti qabamanii jiran gama ilaaleen adeemsa keessa qulqullaa’ee maatii isaaniitti kan deebi’an, kana malee immoo kanneen himannaan irratti dhiyaachuu qabu immoo himannaan irratti dhiyaachaa jiraachuu dha ragaan ani qabu kan mul’isu.

“Command post”nis qaama mootummaa kan ta’ee fi aangoo heerri kenneef kan hojii irra oolchu. Kanaaf nu waliin ragaa wal jijjiirra. Namoonni to’annaa jala jiranis sirriitti qabamuu qabu jedhan.

Dr. Nagarii Leencoo gaaffii fi deebii VOA waliin geggeessan irratti uummati dararamaa utuma jiruu balleessaan mootummaa gama isaaniin utuu hin ibsamin ykn ni haalu jechuun ka dhaggeefattoonni gaafataniif, akkan amanutti mootummaa walitti qabanii sobaa dha jechuun sirrii natti hin fakkaatu jedhan.

Kana dura aangootti fayyadamanii miidhaa geessisaa kan turan jiraachuu isaanii amananii mootummaanis tarkaanfii fudhateera kan jedhan Dr. Nagariin angawoota mootmmaa kanneen biroo waliin ta’uu dhaan itti gaafatamummaan akka jiraatu hojjetaa jrra jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG