Xurree ittiin seenan

Oromiyaa Keessatti Dhiheenya kana Namoota 2,600 Ol Tu Seeraa Ala Hidhamee Jira, Jedha MEDREK

  • Namoo Daandii

MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuuta gaazexeessotaaf ibsa kenne

MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuuta gaazexeessotaaf ibsa kenne

Gamtaan Paartiilee mormitootaa beekamaan,MEDREK, haala yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessaa, keessumaa, mormii guutummaa Oromiyaa keessatti geggeessamuu fi tarkaanfii mootumman fudhate ilaalchisuudhaan tuta gaazzexeessotaaf har’a ibsa kennee jira.

Hoogganonni Medrek tuta oduuf akka ibsanitti, mormii baatiilee afurii oliif Oromiyaa keessatti geggeessameen wal-qabatee namoonni 2,627 seeraa ala godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa qabamanii manneen hidhaa keessa jiran.

“Mormii Oromiyaa keessaaf akka itti gaafatame fudhate ibsuun ka mootummaan deebii kenne fakkeessaa dha” ka jedhan, hoogganoonni MEDREK, dhugumatti gaaffiin uummataa sirrii ta’uu amanee, balleessaa isaa fudhatee yoo tahe, mootummichi namoota seeraa-ala hidhaatti guuramanii jiran kana walaba gad-lakkisuu, yakkamtoota seeraa-ala uummata hiriira bahetti dhukaasanii ajjeesan seeratti dhiheessuu fi maatiilee miidhamtootaaf gumaa baasuu akka qabu dubbatan.

Rakkoo biyyattiif furmaata waaraa fiduuf immoo, paartiilee mormitootaa dhugaa uumataaf dhaabatan waliin gad-taa’ee dubbachuu qaba, jedhu – hoogganoonni MEDREK.

Yaada mul'isi

XS
SM
MD
LG