Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaatti Ji’a Sagallan Dabre Keessa Nama Dhibba Hedduutti Balaa Makiinaatiin Dhumate


Balaan Makiinaa waan hedduu irraa dhufa;seera malee makiinaa oofuu,caatii,shiishaa,farsoo fi waan hedduun machaahanii oofuu,horii argachuuf jedhanii halkanii fi guyyaa walti oofuu,hammeenna karaa,mirgaa bitaa millatanii makiinaa dura muruu dhabuu fi waan hedduun dhufa.

Akka jarii Finfinnee fi Amboo dubbifne jedhutti warrii akkana makiinaa oofu kun;kaan waadaa abbootii makiinaatii gale,horii guddaa galchuuf oofaa bula,seera malee fahee waan hedduu balleessa.Kaan ammoo dargaggoo ganna 20 faatti makiinaa fi karaa tole kana irra oofee balaa buusa.

Akka Komander Abbebee Leggesee Koomsihii poolsii Oromiyaa irraa jedhutti mootummaan karoora qabuun balaa makiinaa hambisee lubbuu baduu dhowwuuf Agency Geejjbia Oromiyaa jedhee baneen,seera tiraafikii barsiiuu,jara seera kana hujii irraa oolcu bobbaasuu dabalee waan hedduu hojjate.Taatullee ji’a sagallan dabranitti nama 900-1000tti balaa makiinaatiin dhumatee haga 800 cabee baqee nafii isaa irraa hirdhate horii hedduullee balleesse jedhu.

Waggaa 10n dhufaatti akka komander Abbebeetti Oromiyaatti balaa makiinaa gara harka 60tiin gadi buusuuf hojjachuutti jiran.

Woma taateutti ammallee keessumattuu makiinaan Isuzu halkanii fi guyyaa ofoan kun nama hedduu balaa irra buusuutti jira. Makiinaa akkanaa kana kintaala seera malee irra dabarsanii haga 70 fa itti fahanii balaa buusa.

Mee MP3 tana irraa waan balaa makiinaa irratti qopheessine nuu caqasaa

XS
SM
MD
LG