Xurree ittiin seenan

Breaking News

'Oromiyaatti, karoora ganna 5tiin Qarshii Miliyoona 500tiin karaa baasuuf itti jiran'


Hujiin abbaa Taayitaa Daandii Baaddiyaa Oromiyaa gugurdoon,karaa baasaanii baaddiyaa dira ykn magaalallee waliin gahee, akka namii karaa dhabee waan silaa maleef hin dhabe tolchuu.

Hujiin karaa gugurdoon jedhanii tun, karoora ganna shaniiti akka jecha obbo Jaagamaa Qananii,Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Abbaa Taayitaa Daandii Baaddiyaa Oromiyaatti;

“Misoomii guddaan yoo daandiin jiraatte taha.Bakka daandiin jirutti keellaan fayyaa ka ijaaramuu dandahu,bakka daandiin jirutti investerootii addaa addaa bakka sun seenanii misoomsuu ka dandahan…rakkoo bu’aa kana yoo hiikne,rakkoo dinagdee keennaa hin hiikna jedhee ummatis itti seene.”

Hujii karaa baasu tana mootummaa qofaa mitii akka itti gaafatamaa kanaati “ummatilleen horii fi maallqa baasee hojjachaa jira.”

Karaa baasuuf jedhanii yoo karaan baasan kun mana namaatti qajeele,maasaatti qajeele,waan akka akkaa ka abbaa tokkootti qajeele womaa baasuu fi mootummaan gargaaraa jennaan”ummatatti bahee fedhiin ijaaraaf,”jedhu.

Ogeeyyotilleen ummata leenjisaa akka karaan bahuuf waliin hojjachuutti jiran akka obbo Jaagamaatti.Naannolee karaan gugurdaan amma itti bahuutti jiruu fi baasuuf karoora qaban 31.

“Tana keessaa;Shaambuu-Harbuusee,Calalaqaa-Bordoddee,Dukem-Abbuuseeraa,Buraayyuu-Hojjaa-Duree Gabayaa-Jimaataa faa.”Hujii tana Qarshii miliyoona 500 caalaan itti jiran.Karoorii qabame kun karaa cirrachaa km 42,000 baasuuf jedhan.

Karaan waan hedduun nama gargaara;namii karaa gugurdaa dhiisii daandiin didiqqoonuu faaydaa guddaa qabdi.

Hayyee warrii karaa hin qamne,ka yoo qabaatellee karaa deemsa makiinaatiif hin taane,warrii hammeenna karaatiif jedhanii makiinaan itti seenne hin seenne,ka yoo seenellee keessumattuu yoo gannaa fa makiinaa dhoqqee ykn maraammartoo karaatii jedhee hin yaane,warrii karaa hamaa qabu ka yoo cufa namii balaa makiinaatiin irraa dhumatu maan keessa jira?

Gaafii tana torbaan lamaan duubatti Qophii Misoomaa ta Jimaataatti itti deebina.Mee waan hujii karaa obbo Jaagamaan nutti hime MP3 irraa nuu caqasaa.

XS
SM
MD
LG