Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaaliilaand Keessaa Beelli Namoota 25 Ajjeese: Angawoota


Somaliland
Somaliland

Gaanfi Afriikaa ennaa hongee hamaan dha’amee jiru kanatti yoo xiqqaate biyya ofiin of bulchuu labsatte Somaliiland keessaa namoonni 25 beelaan dhumaniiru.

Haalli hongee mudatees sadarkaa hamaa irra jira. Beeladaaleen dhibba irraa harki 80 dhumaniiru. Amma lubbuu namaa oolchuuf tattaafataa jirra. Isaanuu du’aa jiran. Kanneen du’an irra jireessi ijoollee beelaan dha’amani jedhu bulcchaan Somaliland Kaaba gama dhiyaa naannoo Sanag ahmed Abdi Salay.

Tokkummaan mootummootaa akka jedhetti Somaliland fi Somalia keessaa ijoollee kuma 50 ol ta’antu hongee yeroo ammaa naannoo sana rukuteen kan ka’e du’a eeggataa jiran.

Muummichi ministeeraa Somaaliyaa Hassan Ali Khaire fi ministeerri qindeessa yeroo balaa kan kaabinee isaanii Wixata darbe akka jedhanitti hongee lammiiwwan miliyoona ja’a ta’an kanneen gargaarsa nyaataa eeggatan miidhetu biyyattii mudate

XS
SM
MD
LG