Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa lammii isaatiin Itoophiyaatti imatluu dhaquun balaa qabaa jedhee ammallee irra deebihee dhaamate


Ministiri Haajaa Alaa Amerikaa
Ministiri Haajaa Alaa Amerikaa

Akka ibsii Ministirii kun amma baase jedhutit hiriira mormii mootummaa Itoophiyaa irratti adoo hin beekaminuu bahanii fi tasgabbii dhabiitiin Sadaasaa bara 2015 jalqadee nama Itoophiyaatti imaltu dhaqu irratti balaa fiduu dandeetti.https://ethiopia.usembassy.gov/sm_102116.html

Tajaajilii Embaasiin Amerikaa Itoophiyaa naannoo gara garaa keessatti kennulleen tajaajilii interneetiiti fi bilbila harkaa waan diqqaateef ,fi haala qaama mootummaa Itoophiyaatiif nagaa eegullee dursanii beekuun dhiba waan taheef tajaajilii dhaabachu fa dandaha.

Akeekachiisii Misnitrii Haajaa Alaa Amerikaa baase kun mootummaan isaa Onkololeessa 21,2016 baase bakka bu’ee bahe.Mootummaan Itoophiyaa Onkololeessa 8,2016 jalqabee labsi muddamsuu baasee hojjachuuniittiin jira.

Labsii tanaan hajaja mana murtii malee nama qabuu,miidiyaa haga tokko caqasuu nama dhowwuu,wal gahanii taa’uu, dhaabbilee fi mootummaa biyya alaa haga tokkoon wal arguun dhowwaa.Saatii jedhan malee galuu fi bahuulleen dhowwaa.

Tana maleellee mootummaan Itoophiyaa lammii Amerikaa Itoophiyaa keessatti qaballee akka kanaan Embaasii Amerikaatti hin himu.

Labsiin Muddamsuu ta mootummaan Itoophiyaa baase marsaa interneetii Embasii Amerikaallee irra jirti.

Interneetii fi tajaajila bilbilaa Itoophiyaatti yoo hedduu adoo hin namatti himn himnee haga guddaan waan cufaniif Embaasiin Amerikaalleen lammii isaa Itoophiyaa keessa jiraniin wal arguun dhiba.

Dandeettan fala keessan barbaadadhaa, tahuu baannaan rakkoo jirtu durattuu maatii,hairyaa fi fira keessanitti himadhaa.

Marsaa interneetii Embaasii Amerikaa irraa odeeffannoo nagaa argachuu dandeettan.Hiriiraa irraa ufi eegaa, walitti hin gobbatinaa,ufillee hin dedhinaa mirgaa fi bitaallee mimilladhaa.

Mootummaa hiriira humnaan diiguu fi qawweellee itti tokkosuu dandahaa, tanallee quba qabaadhaa.Hiriira nagumaaf bahanillee humna haga dabraatiin itti dhufuu fa dandahan, ufi eegannoo malee hiriirinuu jeequmsatti jijjiiramuu dandaha tanallee beekaa.

Lammiin Amerikaa ufiif jedhanii waan naannoo jiranii beekanii irraa ufi eeguu malan.Yoo ammo tana irratti ariitiin achii bahuu feetanii gargaarsa Embaasii Amerikaa barbaaddanillee mala keessanillee dhahadhaa.

Yoo Itoophiyaa keessa jiraattanii fi yoo ammoo achitti imaltuu dhaquu feetanillee waan biyyitii keessa jirtu keessaa hubadhaa.

Waan biyyiti keessa jirtuu gama odeeffannootiin akka dansaa beekuun waan nama dhibduuf Ministirii Haajaa Alaa Amerikaa bilbila keessan nu biratti (Embaasii Amerikaatti) irratti kunoo asi jalatti “Smart Traveler Enrollment Program (STEP)” galmeeffadhaa achii irraa odeeffannoo fi ergaa jirtuu isanitti himuu dandahanii jedha.

Tana malee odeeffannoo dabalaa kunoo marsaa interneetii kanaa irratti argattan.

  • Enroll in the Smart Traveler Enrollment Program (STEP)to receive security messages and make it easier to locate you in an emergency.
  • Contact the U.S. Embassy in Ethiopia, located on Entoto Street in Addis Ababa, at +251-11-130-6000 from 7:30 a.m. - 5:00 p.m. Monday-Thursday. After-hours emergency number for U.S. citizens is+251-11-130-6911 or 011-130-6000.
  • Call 1-888-407-4747 toll-free in the United States and Canada or 1-202-501-4444 from other countries from 8:00 a.m. to 8:00 p.m. Eastern Standard Time, Monday through Friday (except U.S. federal holidays).
  • Follow us on Twitterand Facebook.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG