Xurree ittiin seenan

Haqa Jal’ate Loogdummaa fi Cunqursaa Mormee Aarsaa Ta’uun Koo Anaaf Kabajaa Dha.

  • Namoo Daandii

Obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Olbaanaa Leellisaa

Obbo Baqqalaa Garbaa fi obbo Olbaanaa Leellisaa

Manni-mutii Federaalaa Itiyoophiiyaa, Dhaddachi yakka sadaffaan, Obbo Beqqelee Garbaa faa irratti yakka murtee jira.

Waggaa tokko Abbaan-alangaa Federaalaa “Obbo Beqqelee Garbaa faa ergaa shororkeessummaa, kan Adda Bilisummaa Oromoo fudhachuudhaan, dhaaba polotikaa seera-qabeessa dahoo godhachuudhaan humnaan qabsoo hidhannoon Mootummaa taayitaa irraa buusna, Oromiyaa qaama Federeeshinii irraa kutna” - jechuun yakka shororkeessummatti hirmaatan - jechuun, bara dabre himannaa irratti dhiheesse.

Kanneen yakka kanaaan himataman Obbo Beqqelee Garbaa dabalee sagal yoo ta’an isaanis Obbo Olbaanaa Leellisaa, Olbaanaa Lammii, Adam Buusaa, Dubree Hawwaa Waaqoo, Obbo Mohaammed Muluu, Darajjee Katamaa, Addisuu Mokiree fi Galgaloo Gufaa ti.

Dhjaddachi Har’a gara waareetti taa’e sun akka beeksisetti murtiin kun ka kenname, abboota-murtii ammaan dura xaddacha sana irraa tajaajilaa turaniin malee kanneen Har’a taa’aniin miti.

Abbaan-alangaa ammaan dura kanneen himannaa koo naaf mirkaneessu,jedhe ragaalee adda addaa dhiheeffachuu isaa fi manni-murtii ragaalee sana xiinxalee ilaaluu isaa -- himatamtoonni garuu, ragaalee himannaa sana dhara taasisu dhiheeffachuu dadhabuu isaanii dubbate - Abbaan-murtii.

Eega murtii yakkaa muree booda immoo abbaan-alangaas tahe himatamtoonni yaada murtii akka dhiheessan gaafatee ture. Abbaan-alangaa yakki sun yakka guddaa waan ta’eef akka adabbiin guddaan itti muramu ka gaafate yoo ta’u Himamtoota keessaa, Obbo Obbo Beqqelee Garbaa, Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Obbo Olbeekaa Lammii akka abukaatoo malee yaada ofii ibsatan akka ehamamuuf gaafatanii, abbaa-murtii irraa ehama argatan.

Haala kanaan, akka dabaree isaaniitti ka dura yaada ofii kennan - Obbo Beqqelee Garbaa, “Bara jireenya kootti, haqa-jal’ate, loogdummaa, loogii-sanyii fi cunqursaa mufadhee mormeen jira. Filannooo kootiin otuu hin taane - fedha Waaqayyootiin kanan irraa dhaladhe - uummatni Oromoo, mirgawwan namummaa fi mirgawwan dimookiraasummaa isaa kabajamaniifii, ija qixxeen akka ilaalamu gochuuf qabsoon karaa nagaa geggeesseef aarsaa ta’uu danda’uun koo anaaf kabajaa dha” jedhan.

Abbaan-murtii garuu, “kun yaada adabbii salphisu miti yaada keessan sirnaan dhiheeffadhaa” ittin jechuun ajaje. Obbo BBeqqeleen garuu, daqiiqaa tokkoof illee akka dhageettii argatan ehama gaafatanii itti fufan.

“Qabsoon haga ammaa godhe keessatti dhiifama gaafachuu yoo na barbaachise dhimma lama qofa irratti. Tokkoffaa gidiraa fi roorroo uummata Oromoo irratti geggeessamu, akka ta’uu qabutti yoon ibsuu hanqadhee fi kanas kanan qodhe -- nagaan waliin jireenya uummatootaa fi obbulummaaf yaaduu irraa sababaa hanqateef yoo tahe - uummatni Oromoo akka dhiifama naaf godhun gaafadha. Lammata immoo miidhama Uummata Oromoo hamma ta’ee ol how’isee dubbadhe yoo ta’ee fi kanas kanan godhe - dantaa dhuunfaa koo fi maqaa guddifachuuf yoo tahe, Waaqayyo akka dhiifama naaf godhun gaafadha” jedhan. Itti-fuduudhaanis “Manni-murtii otuu ani badii hin hojjetiin yakka natti mure, naaf gaddee adabbii natti salphisa - jedhee waanan hin amanneef, yaada adabbii-salphisu dhiheessuu dhiisuu koof nan gadda” - jechuun yaada isaanii xumuran - Obbo BEQQELEE GARBAA. Haati-manaa isaanii, hojii irraa waan hari’atamaniif, ijoolleen isaanii galii tokko malee akka gidiramaa jiran illee Manicha murtiitti dubbatanii turan - Obbo BEQQELEE-n.

Obbo OLBAANAA LEELLISAA-s akkasuma yaada ofii ibsachuu yaalanii turan. Garuu, abbaan-murtii deddeebi’anii seeraa ala akka ta’e itti dubbachuun dhaabsisan. Himatamtoonni ka biroonis galmeen ka biraan akka irra hin jirre, namoota maatii bulchan ta’uu isaanii fi rakkoo fayyaa akka qaban ibsuudhaan akka manichi murtii adabbii isaanii salphisuuf gaafatanii jiran. Manni-mutiis rakkoo himatan sanaaf ragaa akka dhiheeffatan ajaja kennuudhaan, murii adabbii kennuuf -- Sadaasa 14,2005 beellamee jira.

XS
SM
MD
LG