Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shawaa Kibba-Dhihaa Aanaa Tolee Keessatti Barataan Ajjeesamuun Dhugaa Dha, Jedha Poolsiin Oromiyaa


File
File

Godinaalee Oromiyaa gama Kibaa, Booranaa fi Gujii keessatti, akkasumas, Oromiyaa gama Lixaa, Qellem Wallaggaa keessatti hiriirri barattootaa geggeessame tarkaanfii humnoota mootummaatiin facaasamuu isaa jiraattonni naannoo fi hoogganoonni paartiilee mormituu dubbatanii jiran. Akka hoogganaan Koongiresa Fedaaralawa Oromoo, ka godinaa Booranaa, Obbo Quxxee Saafa’ii Bulee Horaa irraa akka jedhanitti, barattoonni fi barsiisonni Yunivarsitii Bulee Horaa har’a ganama Maaster Plaanii magaalaa Finfinnee mormuudhaan hiriira mormii geggeessan irratti humni kara-bittimsaa tarkaanfii fudhateen barattoonni hedduun madaawanii jiran. Keessamuuaa, barsiisaan Yunivarsitichaa Taammiruu Adoolaa jedhamu reebamee qaamni isaa caccamee Hospitaala Bulee Horaa keessatti wal’aanamaa jira. Sababaadhuma hiriira kanaan wal-qabateen, paartii Kongiresa Oromoo irraa Gaayoo Dambii, hojjetaan Yunivarsitichaa Gololchaa Tukkanaa Malloo, fi barataan Ututraa Baanataa hidhamuu isaanii dubbatu, Obbo Quxxeen.

Sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti Abbaan Deemsa Hojii Dhimmotoa Koomiyunikeeshinii Mootummaa, Solomon Taaddesee garuu, hiriirri Yunivarsitii Bulee Horaa keessatti jalqabame gorsa poolisiin kenneen qabbanaawee barattoonni gara barnoota isaaniitti deebi’anii jiran, jedhu. Namni madaa’ee fi hidhame akka hin jirre illee dubbatu. Qellem Wallaggaa, aanaa Daallee Sadii keessattis hiriirri ka’ee fi gaaffiin barattoonni dhiheessan jeeqama tokko malee qabbaneessamuu isaa dubbatanii jiran, Itti-aanaa Koomishinaraa Solomoon. Kaleessa, Shawaa Kibba-Lixaa, aanaa Tolee keessatti barataan tokko kaleessa ajjesamuun, Wallagga Lixaa, aanaa Gullisoo keessatti barataan Mana-barnootaa Calliyaa ka lammataa, ka dheengadda madaa’ee ture du’uun isaa dhugaa dha – jedhan – aangawaan Poolsii Oromiyaa kun.

Qophii guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG