Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hirrii Mormii Magaalaa Asaboot Har’aillee Akka Hin Dhaabatiin Dubbatu Jiraattonni. Gudarirttis Hiriirri Geggeessamuu tu Dubbatame


Hiriira Mormii Mi’eessoo, Oromiyaa
Hiriira Mormii Mi’eessoo, Oromiyaa

Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo magaalaa Asaboot keessatti hiriirri momrii dilbata darbe kana jalqabe amma illee itti fufuu isaa jiraattonni dubbataa jiru. Waa’ee master plaaniif deebiin Dh.d.u.on kenne quubsaa miti. Barattoonnii fi lammiiwwan Oromoo kaan hidhaman haa hiikaman.

Akka jiraattonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanitti,“Kanneen ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatama haa fudhatu. Walitti bu’iinsa uummata Somaalee ollaa sana jiru waliin uumame, mootummaan callisee ilaallaa jira, furmaata hin kennine” jechuun kanneen balaaleffatan hiriirtonni, akka humni federaalaa aanaa sana gad-lakkisee ba’u gaafataa jiran. Itti-aanaa bulchaan aanaa Asaboot Obbo Toofiq Aliyyii, ibsa dheengadda Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf kennaniin, “walitti-bu’insi uummatoota naannoo sanaa gidduu, kan horsiisee bultoota jiraattota Bulchiinsa Somaalee fi jiraattota Oromiyaa gidduutti yeroo hedduu naannawa sanatti mul’atu.

Humnoonni federaalaa guyyaa tokkoo booda dubbii isaa qabbaneessuuf gidduu seenan” jedhanii turan. Gama biraan, Shawaa lixaa magaalaa Gudar keessattis har’a hiriirri geggeeffamuu fi humnoonni mootummaa reebichaa fi hidhaadhaan deebii kennuu duuubatu dargaggoonni.

Qophii keenya guutuu dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:07 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG