Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Hidhaa fi Dararaan Daran Hammaate, Jedhu Hiriirtonni. Yunivarsitii Arsii Keessatti Barattoota Lamatu Wawwaraanamee


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Ka godinaalee addaa Oromiyaatti maaster Pilaanii Magaalaa Finfinnee mormuudhaan, hiriirri barattootaa fi jiraattotaan baatiilee lamaaf godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti geggeessamaa ture har’a illee hin dhaabanne.

Dhaabbatni Dimookitaatawa Uummata Oromoo, maaster pilaanichi dhaabate. Ammaa booda hojii irra hin oolfamu – jechuun ibsa baase iyyuu, hiriirtonni garuu “kun mormii dhaamsuuf toftaa gowwoomsaa mootummaan baafate. Yoo dhuguma maaster pilaanichi haqame tahe – maaliif barattoonni fi uummatni kaan kumaan lakkaawaman sababaa mormii sanaaf hidhaman hin hiikamne. Ajjechaa, hidhaa fi reebichi maaliif itti fufe?” jechuudhaan balaaleffataa jiran. Wallagga Bahaa, magaalaa Naqamtee keessatti, Haragee Bahaa, aanaa Jaarsoo, magaalaa Anannoo Mixxee keessatti barattoonni mormii itti fufuu isaanii dubbatu. Shawaa Kaabaa, aanaa Dagam, Ganda Yaayyaa Haroo keessatti immoo dargaggoonni ayyaana Cuupphaa yokaan Ximqataa irratti sirbaan mormii dhageessisuu isaaniitiin hidhamuu fi reebamuu isaanii dubbatu – jiraattonni.

Ka magaalaa Asallaa jiru - Yunivarsitii Arsii, Mooraa Fayyaa keessatti immoo barattoonni lama, halkan dabre, qaama eenyumman isaa hin beekamiiniin waraanamanii, mana dhiqataa biratti gatamuu isaanii fi gara hospitaala magaalattii geessamanii haala du’aa fi jireenya gidduutti ka wal’aanamaa jiran ta’uu dubbatu – barattoonni.

Dhimma kana bulchiinsa Yunivarsitii Arsii irraa adda-baachuuf, Prezidaantii Yunivarsitichaa, Dr. Tolaa Bariisootti bilbillee telefoona nuuf hin kaasne. Diiniin Mooraa Fayyaa ka Yunivarsitichaa – Dr. Leecoon immoo, akka dhimma sana ilaalchisuun walga’ii irra jiran fi yeroo sanatti ibsa nuuf kennuu hin dandeenye nutti himan.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:04 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG