Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaala Amboo,Yuniverstii Dirree Dhawaa fi Manii Barumsa Qophahina Shaashamannee Maal keessa Oolan?


Karaa guddaa magaala Amboo keessa darbu. Mormii magaala Amboo, bara 2014
Karaa guddaa magaala Amboo keessa darbu. Mormii magaala Amboo, bara 2014

Magaalaan Amboo keessumaa Kibxata fi Robii Roobii muddama addaa keessa akka jiru jiraatonni ibsanii jiru.

Dhalootaan Amboo irraa kan ta’e dargaggoo Abdataa Olaansaa to’annaa mootummaa jala oolee mana hidhaa Maakelaawwii fi Qilinxoo keessa baatileef dararamaa fi reebamaa ture booda du’uu isaatu uummata daran mufachiise jedhu jiraattonni.

Reeffii dargaggoo Abdataa kaleessa(Kibxata) waaree booda magaalaa Amboo seenee har’a(Roobii) awwalamuu isaa ibsamee jira.Yeroo kanattis humnootiin mootummaa dhukaasanii nama tokko ajjeesuu isaanii fi reeffi namoota ka biroo lama naannoo mooraa yunivarsitii Amboo kan Awaaroo fi Buufata Awutoobusa magaalatti biraa argamuu dubbatameera.

Bulchaan aanaa Amboo Obboo Assaffaa Hirkoo magaalaa Amboo keessatti hardhaa fi kaleessa (Kibxtaa,Roobii) namni ajjeefame hin jiru garuu “Namni Finfinnee keessatti dhibamaa turee du’e garu reeffii isaa kaleessa Amboo seenee har’a awwaalameera,” jedhan.

Gama biraan Arsii Lixaa magaalaa Shaashamannee keessa kanneen jiran barattoonni mana barumsa qophaa’inaa barattoonni hidhamanii jiran haa hiikaman, ajjeechaan barattoota irratti raawwatamu haa dhabatu,jechuun hiriira ba’anii jiran.

Humnootiin mootummaas nutti bobba’uu dhaan hiriira kana bittimsuuf yaalii godhaniin barattoota reebanii kaanis hidhaatti naqan jedhu barattoonni gamasii.

Itti gaafatamaan bulchiinsaa fi nageenya magaalaa Shaashamannee garuu himannaa kana haaluu dhaan hiriirri geggeessame hin jiru. Barattoonnis barnoota idilee itti fufaniiru jedhu.

Yuniversitii Dirree Dhawaa keessaa barattoota hedduuutti tumamaa hidhamuutti jira jedhan jiraatotaa fi barattoonnni.

Akka barattooti yuniveristii Dirree Dhawaa jedhanitti waraanii federaalaa yuniversitii keessaa qubatu rakkoo guddoo barattootatti fide;

“Barattootii hariyoota kenna manneen barnoota adda addaa keesastti lubbuu dhaban yaadachuuf baanee jennaan waraanii nu tumee nu nagni tokko baqannee ala jirra, hedduutti miidhamee hedduutti qabe Biriij waraana federaalaa qubatutti geeffame.”

Mootummaa irraa deebii argachuu baannullee akka barattootii jedhanitit yuniversiti Dirree Dhawaa keessaa barattoota dhiba lama caalanitti hidhame jedhu.

Gabaasa Guutuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:18:29 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG