Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Barattoota Oromiyaa Ammallee Dhiigaan Wal Makee (HRW)


Maastar Plaaniin magaalaa Finfinneef karoorfame qonnaan bulaa fi jiraattoota Oromoo handaara magaalaa Finfinnee jiraatan irratti dhiibbaa qabaata jechuun baratoonni mormii dhageesisaa jiru jedhan garee mirga dhala namaaf falmu Humaan Raayiit Waach keessatti qorataan Itiyoophiyaa fi Ertraa Feeliiks Hoorn. Magaalaaleen Finfinnee jala galfamuuf jiranis kan dhalootaa dhalootatti darbaa dhufe kan Oromoon keessa jiraatuu fi aadaa Oromoottii hidhata kan qabnii dha jedhu.

Mootummoota Itiyoophiyaa adda addaan durii kaasee cunqursaan nu irratti gaggeeffama kan jedhan oromoonni daafoo kanaa-tu daran garaa haammeessaa dhufee jedhu qorataan garee Hiyumaan Waach. Oromiyaa keessatti seeraan ala nama hidhuun hidhaa keessatti dararuun beekamaa dha kan jedhan Feeliiks Hoorn dhimmootii jireenya Oromoo kan ilaaleen murteessaa ta’an irratti Oromoon sagalee tokko hin qabu jedhan.

Hiriira mormii bara darbe gaggeeffame irratti keessumaa barattoota yunivarsitii irratti humnootiin nageenyaa humna guddaa kan rasaasaan ajjefamuu isaan mudateera jedhan. Kanneen odeeffannoo waa’ee hiriira mormii dubbatan jedhamuun hidhamanii hanga har’atti himannaan irratti hin dhiyaanne jiru jedhu. Isaan akkasii kana irratti kabaluu dhiituu bunyaan dhahuu tumuu eleektrikaan gubuun Teeknika ykn mala ittiin odeeffaanno akka baasan itti gargaaraman ta’uu qorataan Hiyumaan Raayiitis Waach ibsanii jiru. Namoonni mataan isaanii gad garagalfamee hanga afuura baafachuu dadhabanii-tti bishaan qorraa keessa cubaman akka jiranis dubbatan.

Isaan haala akkasiin dararaman qaama isaanii irraa godaannisa mul’atu qabu gaafiin gaafatamanis mormii eenyu akka qindessu hogganoota barattotaa mormii sana keessaa harka qaban akkasumas hidhata Adda Bilisummaa Oromoo wajjin qaban kan ilaleen odeeffannoo argachuuf akka ta’e Feeliiks Hoorn ibsanii jiru. Barattoota hiriira ammaa Kanaan hidhaman maal akka irra ga’aa jiruu baruuf baatilee hedduu fudhata jedhu.Sababiin isaas walabummaan yaada ofii ibsuu fi sabaa himaa bilisnii hin jiran jedhan.

Baratonni irra deddebi’anii gaaffii dhiyeessaniif deebiin gama mootummaa irraa kenname humnootii tika nageenyaan qofa jedhu Fleeksii Hoorn garee mirga dhala namaaf falmu Hiyumaan Waach irraa.

Guutummaatti armaa gadiitti dhaggefefadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG