Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhuu fi Gidirsuun Cimee Itti Fufe Iyyuu Mormiin Oromiyaa Keessaa Hin Laaffanne, Jedhu Jiraattoonni. Oromoonni Jarmanii Keessatti Hiriiran Immoo “Qaamni Walabni Gidiraa Oromoo Haa Qoratu” Jedhu


Hiriira Mormii, Ciroo Oromiyaa
Hiriira Mormii, Ciroo Oromiyaa

Oromiyaa keessatti hiriirri mormii gara baatilee lamaaf geggeessame, gidduu kana magaalaalee Harargee Lixaa akka Hirmaa, Asabootii fi Masalaa faa keessatti bal’inaan itti fufuu isaatiin humnonni mootummaa jiraattotaa fi barattoota kumaan lakkaawaman mana hidhaatti guuraa jiran, jedhu, jiraattonni. Aangawoonni mootummaa garuu ni haalan.

Sanbata dabre irraa jalqabee haga kaleessaatti magaalaa Hiriirri mormii keessatti geggeessamaa ture, Hirnaa keessatti namoonni poolsii kora bittimmeessaa Oromiyaa, humnoota addaa federaalaa fi loltoota ittisaa Itiyoophiyaan reebamanii fi qabaman, mana hidhaa poolisii, mooraa dargaggootaa, mooraa poolisii kora bittimmeessaa fi mooraa koolejjii naannawa sana jiruutti guuramaa jiran, jedhu jiraattonni magaalattii.

Bulchaan aanaa Xulloo, Obbo Abdallaa Ibraahim, ajajaa poolisii aanaa Xulloo, Komaander Dirribaa, Itti-gaafatamaa dhimmaa Nageenyaa, Abdallaa Muummeetti bilbillee deebii argachuuf yaalle iyyuu itti hin milkoofne. Bulchaan (Kantiibaan) magaalaa Hirnaa, Obbo Kadiir Abdoo immoo “magaalaa keenya keessatti namni hidhame tokko illee hin jiru. Waan cufti nagaa dha” jedhan. Hiriirri mormii geggeessamuu illee ni haalan.

Achuma Harargee Lixaa, aanaa Odaa Bultum, magaalaa Baddeessaa keessatti hiriirri har’a ganama jiraattoota magaalattiin jalqabame, kaabinee magaalattii tokko wajjiin walitti-bu’uu isaa, akkasumas, humnoota federaalaa waamamanii booda dhaqqabaniin facaasamuu isaa dubbatu, jiraattonni. Kaabinee magaalaa Baddeessaa, ka jiraattonni “poolisii nutti waame” jedhan, Obbo Mohaammad Sa’iiditti bilbilllee, namni telefoonicha kaase “lakkii ani Sa’iid miti” jechuun nu irratti cufe.

Hiriira Mormii, Miyuunik Jarman
Hiriira Mormii, Miyuunik Jarman

​Gama kaaniin, biyya Jarmanii keessatti Oromoonni magaalaa Miyuunikii fi naannawa ishee jiraatan, har’a magaalattii keessatti hiriira mormii geggeessanii jiran. “Oromiyaa keessatti ajjeechaan, miidhaa fi gidiraan hamaan humnoota mootummaan barattootaa fi qonnaan-bultoota irratti raaw’atamaa jiru qaama walabaan haa qoratamu!” kanneen jedhan hiriirtonni kun, suurlaalee fi barrreeffamoota gidiraa uummatichaaf ragaadha – jedhanis qabatanii turan. Kana irratti, itti-gaafatamaan hawaasa Oromoo jarmanii, Obbo Fayyeeraa Dhimmis Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennanii jiran.

Gabaasni sagalee kunooti
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:56 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG