Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Oromiyaa Keessaa Daranuu Babal’atee Itti Fufe, Jedhu Jiraattonnii fi Hoogganoonni Mormituu


Mormii Barattoota, Yunivaristii Haramaayaa
Mormii Barattoota, Yunivaristii Haramaayaa

Hiriirri mormii Oromiyaa keessaa har’as godinaalee adda adda keessatti geggeessamuu isaa, barattoonnii, jiraattonnii fi hoogganoonni mormitootaa ibsaa jiran. Shawaa Kaabaa, magaalaa Muka Xurrii, Godinaa Gujii, magaalaalee Nagellee Booranaa, Booree fi ka biroo keessatti, Wallagga Bahaa, Siree keessatti, Shawaa Lixaa, Gudar keessatti, Wallagga Lixaa, Waamaa Galaan keessattii fi magaalaalee ka biroo keessatti kan hiriirawwan geggeessaman. Jiraattoanni akka jedhanitti, magaalaalee haga tokko – akka Muka Xurrii fi Gudar faa – keessatti ummatni naannoo barattoota waliin hiriiruudhaan gaaffii barattootaaf deggersa agarsiisaa ture.

Gabaasa guutuu dhaggeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:03 0:00
Xurree marsariitii

Mootummaan Oromiyaa hiriira har’aaf akka deebii kennu deddeebisnee bilbille iyyuu kan nuuf deebisu hin arganne. Torban dabre kan ibsa nuuf kennanii turan, sadarkaa Itti-aanaa Koomishinaraatti abbaan deemsa hojii fi dhimmoota koomiyunikeehsinii Koomishina Poolisii Oromiyaa, Solomoon Taaddesee, barattoota kana ka mormiif kakaasaa jiru dhaabota mormitootaa kasaaraan siyaasaa isaan mudatee fi qaamota nagaa biyyattii arguu hin feene, jedhanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG