Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Bajata Waggaa Raggaasise


Baajati bara 2004 Kun qarshii biliyoona 100 fi biliyoona 17 fi qabxii 8 yoo ta’u sagalee mormii tokkoon raggaasifame.Bajati kun gad cabuu qaba jechuun gaaffiin mormii dhiyaate fudhatama dhabee jira.

Karoora miliyenamii fixaan baasuuf mootummaan Federaalaa bulchiinsoota naannoof qarshii biliyoona 15 bifa bajataan ramaduu keessatti,akkaataan itti kenname mirga bulchiinsi naannoo qaban kan dhiibe ture gaaffii jedhu bakka bu’an gamtaa MEDREK dhiyessanii, mummicha ministeeraa Mallas Zenaawwii kun sirrii miti jechuun falman.

Biyya keessatti gatiin bittaa fi gurgurtaa hammaachuu ilaalchisee gaaffii dhiyaateef obbo mallas, kun rakkoo sadarkaa addunyaa irraa madde waan ta’eef biyya keessatti fala arguu hin dandeenyu jedhu.

Itiyoophiyaan Taankiwwan 200 bituuf karoorfachu ishee kan hin haallee obbo mallas, garuu haaraa binna otoo hin taanee kan yeroo xiqqoof hojii irra oolan bituuf jirra jedhu.

MP3 tuquun gabaasaa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG