Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bara 2016 kana atileetota haaraa kuma hedduutti addunyaatti gadi yaahe.Dorgommii Ispoortii baranaa keessaa tamti qalbiitti isan hafe?


Kuusaa Suuraalee:London Olympics
Kuusaa Suuraalee:London Olympics

Addunyaan bara 2016 dhumachuuf deemu kana ispoortii hedduu irratti dorgomte.Atileetota haaraa kuma hedduu biyya biyyaa walti dhufanitti garuma jiranitti diidatti walii yaahee jabeennaa fi dandeetti ufii addunyaa agarsiisfate.

Olompikii,parliymipik,dorgommii kubbaa miilaa,atileetiksii fi waan hedduu irratti dorgomtee medaaliyaa kuma hedduutti guuratte.

Olompikii Riyoo,Biraazil:

Atileeti Amerikaa Simone Biles dubartii addunyaa jabduu jedhanii bara 2016 Riyootti badhaasanbadhaasan
Atileeti Amerikaa Simone Biles dubartii addunyaa jabduu jedhanii bara 2016 Riyootti badhaasanbadhaasan

Dorgommiin tun dorgommii atileetota kuma hedduu irrattiw al morkatan.Gazexeesitota addunyaa 11,000 tahanitti oduu tana afaan afaaniin addunyaatti himuuf itti yaahe.

Amerikaan atileetota 500 tahan Oolompikii Riyootti dorgomsiifatte. medaaliyaa 121 haratte tokkeessoo taate.Medaaliyaa kana keessaa warqiin 46.

Gireet Biriteyen medaaliyaa 67 argatte kana keessaa warqii 27n galatte.Chaayinaan sadeessoo baatee medaaliyaa 70 guurrattee kana keessaa warqii 20.

Keenyaa medaaliyaa 13 kana keessa warqii jaha argatte.Itoophiyaan medaaliyaa saddeetiin galattee kana keessaa warqiin tokko.

Federeshiiniin Waldaa Atileetiksii Addunyaa(IAAF) Almaaz Ayyaanaatii fi atileetii Jameeyikaa Useen Booltii (athletes of the year) atileetota bara 2016 jajjaboo jedhee badhaase.

Atileetoa addunya bebeekamo bara 2016 Useen Booltii fi Almaaz Ayyaanaa
Atileetoa addunya bebeekamo bara 2016 Useen Booltii fi Almaaz Ayyaanaa

Almaaz Olompiki Riyoo bara 2016 irratti M10,000 rekordi haaraan mootee warqii badhaafamtee M5000 ammoo naasii argatte.

Useen Boolti dorgommii Olompiki sun irratti M100,200 fi 400 moohee warqii guurratee.Nama kun duruu hin cehuu hin ‘akak qaanqee xinniqa’ jedhanii maqaan addunyaatti beekama.

Itoophiyaan bara 2016 keessaa haga ammaa barreessuutti jirru kanatti akka bulchootii atileetiksii federeshiinii jedhanitti biyya alaatti dorgommii gugurdoo torba irratti dorgomte biyya keessatti ammoo dorgommii 15 qopheessitee dorgomsiifatte. Egerillee hagas caalaa qopheessina jedhan bulchootii.

Atileetota miidiyaan addunyaa bara 2016 keessa waan isaanii guddisee dubbate tokko Fayyisaa Leellisaati. Fayyisaan atileetota addunyaa irratti dirree dorgommii keessatti mallattoo mormii agarsisani wantii warri jedhee fi tolche mataa dubbii addunyaa taate keessaa tokko tahe.Mallattoo mormii Oromoo Fayyisaan istaadiyoomi Riyoo keessatti agarsiisee fi wantii innii agarsiiseef oduu media addunyaa taate.Rakkoo Oromoon keessa jirtu agarsiisuuf mallattoo sun agarsiise jedhee Amerikaa fi garuma deemu cufatti himaa bahee ammallee ittuma jira.

Atileetii Fayyisaa Leellisaa,Riyoo Biraazi
Atileetii Fayyisaa Leellisaa,Riyoo Biraazi

Huffington Post mata-duree oduu isaa irratti Fayyisaa fi atileeota addunyaa bebeekamoo mallattoon jarii dorgommii keessatti agarsiise istaadiyoomii chochoote jedhee oduu isaa gugurdoo bara 2016 keessatti mataa duree tolchee barreese.

Waancaa kubbaa miilaa dubratoota Afrikaa ta baranaa Naayjeeriyatti moo'e. Naayjeeriyaan biyya dorgommii tana qopheessite Kaameruun 1-0 moote marroo saddeetessoof waancaa fudhatte.

Dorgommii kilaboota Ingiliish EPL eegii jalqabanii amma torbaan 18 keessa jiran. Chelsiin ta hardhaa kilabii Bournemouth, 3-0, moote waliin dorgommii EPL 12 waluma gula mootee seenaa hojjatte.Amma kialbii Arsenaalii bara tokko keessa adoo hin moohamin marroo 13 geette gahuuf deemti.

Chelsii,the Blues
Chelsii,the Blues

​Gama atilletiksiitii ammallee atileeti Genzebee Dibaabaalleen atileetii bara 2016 keessallee fiigicha M1500 fi 5000 dabalee rekordii hedduu qabachuun beekamtu keessaa tokko taate. Leenjisaa isii Jaamaa Ademilleen baruma 2016 keessa qorsa akka namii cehee hin dadhamne nama tolchu irratti argani jedhanii Ispeens keessatti qabanii qorachaa bahan.

IAAF bara kana keessaa atileetota biyya hedduu fkn Keenyaa,Raashiyaa fi biyya akka akkaa qorsa humna namaa kennu fudhatanii dorgoman jedhee hedduu dorgommii keessaa baasee badhaasallee irraa guurrate.

Gama kubbaa miilaatin barana Kiristiyaanoo Ronaaldootti badhaasa FIFA ka Balloon D’or jedhan argate.

Meesii fi Ronaaldoo
Meesii fi Ronaaldoo

Badhaasii kun ka atileeti taphaan beekamaa tahe kophee warqii badhaasan. Ronaaldoon dhalotaan Portugiizii kilabii La Liga keessatti garee Real Madriidiif taphata.

Sadarakaa FIFA kubbaa miilaa dhiiraa addunyaan 2016

1.Arjentiinaa

2.Biraazsil

3.Jermenii

4.Chiilee

5.Beljiyeem

28.Amerikaa

Afrikaa keessaa

Deeggaraa Argentiinaatti gaafa kilabiin isaa bara 2014 Biraazilitti garee Nezerlaandi moote
Deeggaraa Argentiinaatti gaafa kilabiin isaa bara 2014 Biraazilitti garee Nezerlaandi moote

​1.Senegaal-----addunyaatti 33esoo

2.Kotidivoori---addunyaatti 34essoo

3.Tuniziyaa----addunyaatti 35essoo

4.Masrii---------addunyaatti 36essoo

Sadarakaa FIFA kubbaa miilaa dubartootaa bara 2016

1.Amerikaa

2.Jermen

3.Faransaay

4.Kanadaa

5.Ingilaandi

Afrikaa keessa

1.Naayjeeriyaa ----akka addunyaatti 35essoo

2.Gaanaa--- -------akka addunyaatti 45essoo

3.Kaameruun ------akka addunyaatti 47essoo.

Shaampiyoonaan waancaa kubbaa miilaa kilaboota addunyaa (FIFA World Cup Clubs 2016) barana Jappaanitti qopheessan kilabii Real Madriid.

Real Madrid,Japan Soccer Club World Cup
Real Madrid,Japan Soccer Club World Cup

​Kilabiin tun tana waliin marroo sadii waancaa akkanaa moote. Real Madrid kilabii Jappaan Kashimaa Antilers 4-2 garaftee waancaan galatte. Goolii afran tana keessa Ronaaldoon sadii saaphannaatti caqqaalate.Awurooppaan tana waliin marroo 13 waancaa akkanaa moote jechuu.

Dorgommiin Kilaboota waancaa kubbaa miilaa tana kilabii tokko tokkotti ardii addunyaa torbaanuu keessaa filatamee Muddee 8-18 taphachaa bahe.

Dorgommii kialbootaa waancaa kubbaa miilaa addunyaa baranaatiif gama Afrikaatii kilabii Afrikaa Kibbaa Mamelodi Sundowns F.C. dabrel

Addunyaan baruma baraan jabeennaa fi dandeettii gama ispoortiitiin qabdu wal agarsiifachuuf dirreetti walii yaati.Baruma baraan atileetotii haarahii waan mamaa hojjatan jalaa oli bahaa dhufan.

XS
SM
MD
LG