Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Mormituutif Mootummaan, Koomishinii Filannoo Keeniyaa Haaroomsuuf Marii Jalqaban


FILE - miseensota gamtaa Jubiilii koomishinii filannoo deeggaruu dha hiriira bahan, Naayroobii, Waxabajjii 8, 2016
FILE - miseensota gamtaa Jubiilii koomishinii filannoo deeggaruu dha hiriira bahan, Naayroobii, Waxabajjii 8, 2016

Paartiin mormiituu Keeniyaa, Gamtaa Jijjirramaa fi Dimookraasii jedhamuu, hiriira mormii ji'a darbe keessa gochaa ture yeroo hin murtoofnee dhaabuu isaa han beeksise sambata guddaa kaleessatti. Marii fi wal-falmii baayyee booda dhimma akkaataa filannoon biyyoolessaa itti geggeeffamuu irratti paartiichaa fi mootummaa edduutti waliigalteerra gahamuu isaa agarsiisa, ibsi kaleessa bahe.

Gamtaa Jijjiramaa fi Dimookraasii sababni itti hiriira magaalota keeniyaa adda addatti waamaa tureef, Koomishiinin Filannoo biyyitti gamtaa Jubilii, han biyya bulchaa jiruuf aantee agarsiisaa, walumaa galatti akkaataan koomishinichi itti hojii hojjatu jijjiirramuu qaba jechuudhani.​

Namoonni Koomishiniin Filannoo Keeniyaa walabaa miti jedhanii mormudhan hiriira bahan oggaa poolisii jalaa kaatan, Keeniyaa, Caamsaa 16, 2016.
Namoonni Koomishiniin Filannoo Keeniyaa walabaa miti jedhanii mormudhan hiriira bahan oggaa poolisii jalaa kaatan, Keeniyaa, Caamsaa 16, 2016.

​Jeequmsa Filannoo Keeniyaan bara 2007 geggeesite booda biyyattii keessatti ka’e irratii namni 1100 ajjeefamuun fi 600,000 buqqa’uun hin yaadatama.

Dhabbata dhimma nageenya qoratu, ISS irraa , Piitar Aliingoo, heeraa fi seera kabachiisutuu rakkina akkanaa jala biyyatti baasa jedha.

Partiin mormitootaa fi han biyya bullchaa jiru koree miseensota 14 qabu dhabaniiru. Hojiin koree kanas, akkaata filannon biyyatti kessatti gegeefamu haaromsuu fi dhimmoota wal-dhabdheen irratti jiru kan hiikufi.

Piitar Aliingoo garuu, namoota siyaasaa, dubbii siyaasa dubbatan kana qofa odoo hin ta’n qamonnii bu’a buusu danda’an kaaniis mariitti dabalamuu qaban jedha. Dabalees, Piitar lammiwwaan keeniyaas ilaalcha isaanii ibsachuudha karaan banamuufi akka qabu hime.

Karaa biraatiin seeratumtoonii keeniya sadeet : jaha paartii mormituu irraa, lama immoo paartii biyya bulchaa jiru irraa hasahaa ji’a darbe keesatti ummata funduratti godhan keessa dubbii jeequmsa kaakaasu dubbataniiru jedhamanii jimaata darbe mana murtiitti dhihaataniiru. Booda garuu, wabiidhan gadhiifaman.

Seeratumtoota keeniyaa dubbii jeequmsa kakaasu dubbatan jedhamanii himataman
Seeratumtoota keeniyaa dubbii jeequmsa kakaasu dubbatan jedhamanii himataman

Keeniyaan Hagayya Bara 2017 filannoo geggeessuf karorfateetti.

Paartiin Mormituutif Mootummaan Koomishinii Filannoo Keeniyaa Haaroomsuu Irratti Marii Gochaa Jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:41 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG