Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Mormituu Sadii Marii Wal Dubannaa Keessaa Of Baasan


Faayilii - Jiraattonni Amboo dula nu filadhaa MEDREK irratti deeggarsa yeroo agarsiisan
Faayilii - Jiraattonni Amboo dula nu filadhaa MEDREK irratti deeggarsa yeroo agarsiisan

Gamtaan MEDREK dhaabi Guutummaa uummata Amaaraa fi Semaayaawii paartiin dabalatee paartileen ja’a marii wal dubbannaa duraa IHADEG waliin geggeessamaa ture keessaa of baasanii jiran.

MEDREK ibsa gaazexeessotaaf har’a kenne irratti ejjennoo isaa beeksiseen wal dubbannaa sana keessaa of baasuu isaatti dabaluun yeroon yeroo labsii yeroo hatattaamaa dheerachuu balaaleffateera.

Gama biraan paartiin paartiin biyya bulchu immoo nuti ofii keenyaa ga’oo waan taaneef kan gamtaan MEDREK fi paartilee ka biroon gaafatan hoogganaan maree wal dubbannaa qaamni sadaffaa inni jedhu fudhatama hin qabu jedhee jira. Haal duree qopheeffatanii dhufan jechuun illee paartilee mormitootaa qeeqee jira.

Paartileen garuu ejjennaa isaaniitti cimna yoo jedhan ni kabajnaaf gama IHADEGn ejjennoon jiru garuu hin jijjiiramu jechuun gaaffii mormitootaa fudhatama dhabsiise.

Dhuunfaa fi gamtaan garuu nu waliin dubbachuu yoo fedhan daandiin saaqamaa paartiin keenya qophee dha jedhee jira.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Paartileen Mormituu Sadii Marii Wal Dubannaa Keessaa Of Baasan
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:39 0:00

XS
SM
MD
LG