Xurree ittiin seenan

Breaking News

Peedroo Pirees Badhaasa Hoggana Gaarii Kan Afrikaa Argatan


Prezidantiin keep verdee duraanii peedroo Pirees dimokraasummaa fi bulchiinsa gaarii biyya isaanii keessatti agarsiisaniif badhaasa Mo Ibraahim doolaara miliyoona shan argachuun nama afraffaa yoo ta’an prezidaantota Afrikaa waggoota sadan darban keessa aangoo gad dhiisan keessaa tokko.

Badhaasa maallaqaati dabalauu dhaan hamma xumura jireenya isaaniitti waggaa waggaan doolaara kuma dhibba lama lama argachuuf jiru.

Hoogganaan koree badhaasa Mo Ibrahim Salim Ahmed Salima akka jedhanitti Mr.Pires keep Verdee biyyi isaanii fakkeenya demokraasii akka taatu waan godhaniif filataman.

Mr. Pires Keep Verdee-n akkamiin aangootti akka dhufan utuu hin ta’in, attamiin aangoo irraa akka bu’antu hoogganaa addaa isaan taasise jedhan.

Mr. Pires akka jedhanittti erga uummata isaanii tajaajilanii amma aangoo irraa bu’anii booda maallaqa badhaasaan argatan kana maal irra akka oolchan ammaaf quba hin qabu jedhu.

Gabaasa guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG