Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezdaantiin Kuubaa Duraanii Fiidal Kaastiroo Oggaa 90ti Adduyaa Irraa Du’aan Boqatan 


Pireezdaantiin Kuubaa Duraanii Fiidal Kaastiroo Oggaa 90ti Adduyaa Irraa Du’aan Boqatan
Pireezdaantiin Kuubaa Duraanii Fiidal Kaastiroo Oggaa 90ti Adduyaa Irraa Du’aan Boqatan

Fiidal Kaastiroo Ruuz Hagayya 13,1926 dhalatan. Fiidal sirna cunqursaa biyya Kuubaa bulchaa ture falmaa guddatanii, bara 1959 gareen riphee lolaa isaanin hogganamaa ture sirna cunqursaa san moo’udhaan angoo erga harka galfatee boodaa pireezdaantii Kuubaa ta'ani oggoota 50 biyyatti bulchaniiru.

Yeroo san, milkaa’uun Fiidal Kaastiroo addunyaa ajaa’ibsiisee oduun Havaanaa (Kuubaa) oduu addunyaan gurra itti qabde ta'uu qofa odoo hin ta'in qabsaa'ota biyyoota kaanii haala wal-fakkaataa keessa turanitti onnee hore. Mootummaan Fiidal battaluma sirna kooominisimii hojjaa irra oolche.

Pireezdaantiin Kuubaa duraanii Fiidal Kaastiroon Jimaata darbe addunya irraa du'aan boqatan. Suuraawwan bara jireenya isaanii amma tokko agarsiisu
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:14 0:00

Sirni kominisimii mootummaa Fiidal Kaastiroo, yaalii weerara Yunaaytid Isteets baqattoota Kuubaa hidhachiisidhan itti karoorsite, yaalii ajjeechaa hooggantoota irratti xiyyeeffate akkasumas qoqqobbii diinagdee baroota dheeraa dhaa irratti murteesite dandamachuun as gahe.


Kuubaanif Yunaaytid Isteets bara bulchiinsa Kaastiroo walitti dhufeenya gaarii hin qabaanne. Oggoota hedduu booda garuu baraana walitti dhufeenya diploimaasii haaromfatanii pireesdaantiin Yunaaytid Isteets Kuubaa dawwate. Fiidal Kaastiroo walitti dhufeenya seena qabeessa kana luubuudhan odoo jiruu argeera.

Prezdaanti Yunaayitd Isteets, Baaraak Obaamaa fi Preezdaanti Kuubaa, Raawl Kaastiroo, Bitooteessa 21, 2016
Prezdaanti Yunaayitd Isteets, Baaraak Obaamaa fi Preezdaanti Kuubaa, Raawl Kaastiroo, Bitooteessa 21, 2016

Fiidal Kaastiroo boqachuu isaanii oboleessi isaanii, han amma pirezdaantii Kuubaa ta’an,Raawul Kaastiroo erga ifa godhanii pirezdaantiin Yunaayitd Isteetis Baraak Obaamaan gadda itti dhagahamee ibsuudhaan ummata Kuubaati ergaa dabarseera. Obaamaan,“ Harra, gadda nutti dhagahamee maatii Fiidal Kaastirootii ibsina, Waaqnii lammiiwwaan Kuubaa akka jajjabeessu kadhanna,” jedhee walitti dhufeenyi biyyoonni lamaan barana jalqaban akka cimee itti fufuu waan danda’e hundaan bira dhabbachuudhaa waadaa galeera.

XS
SM
MD
LG