Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Sudan Gumii Riyaad Kan Traamp Hirmaatan Irratti Hin Argaman


Prezidaantiin Sudan Gumii Riyaad Kan Traamp Hirmaatan Irratti Hin Argaman
Prezidaantiin Sudan Gumii Riyaad Kan Traamp Hirmaatan Irratti Hin Argaman

Prezidaantiin Sudan Omar al-Bashir gumii Riyaadtti geggeessamu kan prezidaantiin US Donald Tramp irratti hirmaatan irrattti kan hin argamne ta’uu ibsuu dhaan hariiroo Ameerikaa fi Sudaan gidduu jiru miidhuu hin fedhu jedhan.

Ministeerri odeeffannoo Ahmed Bilal akka jedhanitti Kaartuum Bashir mana murtii yakka qoratu kan addunyaan himatamuu waan quba qabuuf jecha sun immoo prezidaantii US waliin wal arguuf rakkisaa itti ta’a jedhan.

Haall jprezidaantichi waltajjii hawaasa addunyaa irratti argamuu himannaa ICC waliin hidhata waan qabaatuuf sun waa qaanesssaa waan ta’eef haala jiru wal xaxaa taasisuu hin feenu jechuu dhaan VOA sagantaa South Sudan in Focus jedhuuf ibsaniiru.

Bilal akka jedhanitti uggura yoo Bashir waliin wal argan uggura US bara 1997 keessa Sudan irra keesse kaasu jedhamee kan abdatamu Trumpf rakkisaa ta’uu mala.

Mormitoota gamasi jiraniif carraa kennee uggura sana kaasoof danqaa uumuu danda’a jedhan Bilal.

Sudan har’a ganama ture Bashir kan prezidaant Trump mul’ata naga qabeessa waa’ee Islaamaa qabaachuu isaanii abdatan ilaalchisee haasaa dhageessisan gumii Amerikaa fi Araboota irratti akka hin argamne kan labsite.

XS
SM
MD
LG