Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tapha Kubbaa Miillaa Afriikaa Walakkeessa Waggaattan Buta: Hoogganaa CAF


Ahmad Ahmad, pireezdaanti CAF
Ahmad Ahmad, pireezdaanti CAF

Dorgommii waancaa Afriikaa walakkeessa waggaa irratti geggeessuu akksumas jijjiirama kanneen biroo irratti illee hojjechuuf qophee ta’uu isaanii prezidaantiin waldaa kubbaa miillaa Afriikaa beeksisaniiru.

Ahmad Ahmad VOA afaan Ferensaayiif ibsa kennaniin kubbaan miillaa ardittii fedhee biyyootaa irratti hundaa’uun guddachuu qaba jedhan.

Fediin biyyoota hedduu yeroon dorgommii akka jijjiiramu kan jedhu yoo ta’e yeroo isaa jijjiiruu ykn lakkoobsa biyyoota dorgomanii ol guddisuuf gama koon qophee dha jedhan.

Ardittii keessa ka jiran biyyoota hanga tokko keessumaa Afriikaa kibbaa fi Maadagaaskaar baatiilee Amajjii fi Guraandhala keessa roobi hamaan waan roobuuf taphachuun hin danda’amu. naannolee ka biroo keessa garuu rakkoon akkasii hin jiru jechuu dhaan prezidaantichi Ahmad Ahmad hubachiisaniiru.

Yeroo hojii prezidaantota Konfedereeshinii kubbaa miillaa Afriikaa ykn CAF akka murteessan kan dubbatan Ahmad akka prezidaantii darbee Issa Hayatou waggoota 29f aangoo irra turuuf fedhii hin qabu jedhan.

XS
SM
MD
LG