Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haleellaan Shorokeessoota Chaayinaa Keessaa Lubbuu Galaafate


Haleellaan Shorokeessoota Chaayinaa Keessaa Lubbuu Galaafate
Haleellaan Shorokeessoota Chaayinaa Keessaa Lubbuu Galaafate

Chaayinaa naannoo gama dhiyaa Xinjiang jedhamu waajjira warra koministii keessatti haleellaa shororkeessotaan namoonni afur ajjeefamuu sabaa himaan biyyattii beeksisee jira.

Angawoonni naannoo akka jedhanitti garee leellistoota Islaamummaa afurtu boombii mana keessatti hojjettame dhoosuu dhaan nama tokko ajjeesanii sadii madeessan jechuu dhaan dhaabbanni oduu Xinhua gabaasee jira. Gabaasi sun akka jedhutti poolisiin booda irra kanneen haleellaa sana raawwatan afur itti dhukaasuun ajjeese jedhee jira.

Waggaa dhiyoo as naannoo daangaa Xinjiang hookkara musliimota uummata Uighur fi lammiiwwan china Han gidduutti hookkara ka’een namoota dhibbaan laka’amantu du’an.

Mootummaan jeeqama sanaaf hawaasa Uighur kanneen china jalaa walaboomuu fedhan himate. Gareeleen mirga namaa fi kanneen baqatanii biyya ka biroo jiraatan hookkarri sun sababaa mootummaan amantii warra Uighur fi aadaa isaanii hacuucuuf jecha jedhan. chinaan garuu haleellaa sana haaltee jirti.

XS
SM
MD
LG