Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ehama Mootummaa Federaalaa Somaaliyaatii Ala Aangawoota Mootummoota Naannoo Biyyattii Hariiroo Dippiloomaasii Tolfachuu Hin Danddenyu, Jedhu Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa

Prezidaantii Somaaliyaa – Mohammed Abdullaahii Farmaajoo waliin, gidduu kana, masaraa mootummaa Itiyoophiyaa keessatti ibsa gaazzexeessotaaf kennan keessatti waa’ee mootummoota bulchiisota naannoo, ka biyya ollaa – ka Somaaliyaa dubbatan – muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-maariyaam Dessaalenyi. Kana ilaalchisuudhaan, waa’ee aangawoota mootummoota naannoo Somaaliyaa gara Finfinneetti afeeramanii dhufanii gaaffii Televiiziyoona biyyoolessaa Somaaliyaa irraa dhihaateef deebii kennanii jiran.

Aagawoonni sun, gara Itiyoophiyaatti kan afeeramanis tahe ka dhufan, ehama mootummaa federaalaa Somaaliyaatiin tahuu hubachiisan.

Tasgabii-dhabinsaa fi waraansaan ka jeeqama keessaa ba’uu ka dadhabdee fi gochaa shororkeessummaa Al-shabaabiin geggeessamuun kan hammacamaa turte – biyyi ollaa Itiyoophiyaa – Somaaliyaan amma illee miilla lamaan hin dhaabbanne. Nageenya irra-wayyaawaa kanneen qaban – kutaaleen ishee akka Somaalii-laandii fi Puuntiland faa garuu, naannoolee kaan biratti ennaa ilaalaman, mootummoota tasagabbaawan qaban. Inumaa, Somaalii-laand, Somaaliyaa guddoo irraa cituu ishee beeksifattee, beekkannaa sadarkaa Addunyaa argachuuf carraaqaa turte. Gaaffiin muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa – Hayile-maariyaam Dessaalenyiif dhihaates, hoogganoonni kutaalee kanaa yeroo adda addaatti gara Finfinneetti afeeramanii dhufuu isaanii fi mootummaa Itiyoophiyaa waliin hariiroo qabaachuu isaanii irratti hundaawee ka dhihaate. Somaaliyaa keessatti, hariiroo dippiloomaasiif mootummaan beekkannaa qabu – mootummaa tokkicha – mootummaa federaalaa Ripublikii Somaaliyaa akka tahe ka dubbatan – Obbo Hayile-maariyaam, “Ehama mootummaa Federaalaa Somaaliyaa tii ala wanni tokko iyyuu ta’uu hin qabu. Kana irratti ejjennoo ifa tahe qabna” – jedhu.

Televiiziyoona Biyyoolessaa Somaaliyaa irraa dhihaatee, muumicha-ministaraa Hayile-maariyaam Dessaalenyiin deebiin itti kenname – dhimmi waa’ee hoogganoota mootummoota naannoo Somaaliyaa, yeroo hoogganoonni biyyoota lameenii gidduu kana mari’ataniitti ka’uu fi ka’uu-dhabuun mirkaneessamuu hin dandeenye – jedha – gabaasaan keenya – Eskindir Firew.

Kana cuqaasuun dhaggeeffadhaa

Ehama Mootummaa Federaalaa Somaaliyaatii Ala Aangawoota Mootummoota Naannoo Biyyattii Hariiroo Dippiloomaasii Tolfachuu Hin Danddenyu, Jedhu Muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:11 0:00

XS
SM
MD
LG