Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchinsii Jiru Ittuma Fufa Jedhu Prezidaantiin Gaambiyaa Yaahyaa Jamee


Prezidaantii Gaambiyaa, Yaahyaa Jamee
Prezidaantii Gaambiyaa, Yaahyaa Jamee

Prezidaantii Gaambiyaa ta’uun kan haaraa filataman Adama Barrow Amajjii 19 bara 2017 kakatanii aangoo akka hin qabannee ittisuuf jecha prezidaantiin biyyatti Yaahyaa Jamee iyyata ugguraa galfatanii jiru.Dilbata kaleessaa galgala Televiziyoona mootummaa irratti haasawa kan dhageesiisan Jameen guyyaa dhumaa jedhamee kan ka’ame Amajjiin 19 hin hojjatu. Paartii hundumtuu murtii mana murtii mummichaa eeguu qabu jedhan.

Gaambiyaa waggootii digdamii lamaaf kan bulchan Jameen filannoo Muddee 1 gaggeeffameen injifatamuu isaanii siamatanii booda takka jedhanii didan.turan.Paartiin isaanii torban tokko booda komishiinni filannoo waan seeraan alaa hojjate jechuun iyyata galfate. Iyyata Jameen galfatan irratti manni murtii mummichi deebii kennuuf baatilee hedduu fudhata jedhu aangawoonni.

Jameen garu murtii kennamu eeguu qabnaa , hagasittu waan jijjiramu tokko hin jiru, akkuma jiruutti itti fuufna jedhan.Hogganaan komiishina filannoo erga Jameen ba’ii filmaatichaa dogoggorse ittiin jedhanii as gara biyya ollaatti dheessanii jiran.

XS
SM
MD
LG