Xurree ittiin seenan

Breaking News

US uggura Imalaa andaara galaana Keeniyaa irraa kaafte


Andaara galaana Malindi
Andaara galaana Malindi

Andaarri galaana Keeniyaa laggeen babbaredoo, nyaata gaarii, bakka bashannanaa fi naanawaa boqonnaaf tolu qaba. Haleellaaleen Al Shabab fi yakki hojjetamu garuu touriismii biyyattii miidhee jira.

Yeroo ammaa US uggura imalaa naannoo andaara galaana biyyattii hedduu, kan magaalaa Malindi irraa qabee hanga naannolee daangaa Tanzaniatti keessee turte irra hedduu kaastee jirti.

Uggurri imala odola Lamuu kan garba Hindiitti keessu garuu amma iyyuu hin kaafamne. Tiffany McGriff itti gaafatamtuu ykn attashe sabaa himaa Embasii US ka Naayroobii keessaa ti.

Shororkaa fi balaan yakkaa naannoo Kenyaa keessa jutuma jiruu sababaa nuti uggura kana kaafneef haalawwan adda keessumaa kan naannoon andaara glaana kibba malindi keessaa ilaalchisuun mootummaan Kenya tarkaanfii barbaachisu fudhachuu isaan jijjiirama guddaa waan argamsiiseefi jedhan.

Briteen naannoo dhuma kana irra uggura imalaa keessee turte baatii Waxabajjii keessa gaaftee jirti. Hooggantuu gameettiin Federeeshinii Tuurismii Keeniyaa Susan Ongalo hedduu gammaduu isaanii dubbatu.

Naannoo sanaaf fooya’ina guddaa ta’uun himuu fedha. Sababiin isaas baatii Waxabajjii dura keessa tuurizmiin andaara galaanaa dhugumatti gaarii hin turre. San booda Briteen uggura keesse kaafte. Amma kun fooya’ina guddaa dha jedhan.

Ongaloon akka jedhanitti tuurizmiin dinagdeen naannoo andaara galaanaa kan irratti hirkate.

Ongaloon akka jedhanitti dinagdee naannoo sanaaf deggersa guddaa dha, sababiin isaas waa biraa waliin wal bira qabee ilaaluu hin danda’u jedhan.

Uggurri imalaa Ameerikaan keesse sun jalqaba irratti kan inni miidhe angawoota mootummaa US kanneen naannoo sana akka hin daawwanne sirnaan ugguramani. Garuu kanneen tuurisimii naannoo Sanaa hoogganan akka jedhanitti uggurri sun tuuristoota kanneen biroo danqe. Kaan isaanii uggurri akkasii gamasitti akka hin imalle mirkanuu isaan dhorkate.

Traci Pirie Hoteela Flamboyant kan Diani keessaa hoogganu. Sodaa nageenyaa akkasumas sababaa diplomaatonni fi hojjettoonni TM hedduun naannoo sana akka hin daawwanne dhorkamaniif jecha daldalli isaanii baatilee kudha saddeettan darban keessa dhibba irraa harka saddeettama gadi bu’e jedhan.

Hoteela keenya keessaa bakka qabamee ture hedduu dhabne, kan Naairoobii irraa namoonni qabatanis dhabnee jirra. Sababiin isaas gara andaara galaanaa sanatti imaluuf kana booda eeyama waan hin qabaanneefi jedhan.

Uggurri sirnaan kaa’ame ka’u iyyuu akeekkachiisi imalaa ministriin dhimma alaa US lammiiwwan Ameerikaa Keeniyaa ennaa daawwatan balaan jiraachuu akeekkachiisu hin ka’in jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG