Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirez.Obaamaan bara hujii isaa ganna saddeettan guyyaa 10n duubatti fixataa galgala kana nagaa dhaamata


Obaamaa fi jaartii isaa,Misheel Obaamaa
Obaamaa fi jaartii isaa,Misheel Obaamaa

Baraak.Obaamaa guyyaa 10n duubatti hujii pirezidaantummaa biyyaan bulchaa bahee fixataa hardha galgala nagaa dhaamata.

Ganna saddeetiin duratti ummata Chikaagoo naannoo Grant Park keesatti walti bahe durattii fi umamta Amerikaa miliyoona hedduu ka TV daawwatu duratti bahee abdii labse.

Abdii tanatti abbaa kiyya Keenyaa fuudhee Ameikaatti glache,abdii sunitti akka ani pirezidaantii Amerikaa tahu qalbi na kaase jedhee abdii labse, pirezidaanti Obaamaan.Barii sun deemuma deemee ganna saddeeti tahe.Gannii saddeettan Obaamaan Amerikaan bulchaa bahe dhumachuuf bultii 10 qofatti hafe.

Pirezidaantii Obaamaan galgala kana TV irratti bahee ummata Amerikaatti nagaa dhaamatee nama itti aanu,pirezidaantii Amerikaa 45essoo Doonaldi Tiraampii baallii dabarsa.

Akka bulchiinsii mootummaa Amerikaa White House jedhutti nagaa dhaamitii tun ta egeree Amerkikaa ta egerii durattiin deemtu.

Obaamaan akkuma durii abdii labsee itti gaafatama fudhate ammallee abdii labsee nama itti aanutti dabarsa.

Akka gorsituun bulchiinsa Obaamaan olaantuun Valeri Jaareti kalee jettetti Obaamaan waan ganna 8n dabaran bulchiinsii isaa hojjate gabaabsee dubbata.

Tana maleellee akka ummatii Amerikaa mirga seerii kennefiitiin ufii qabsaahu gaafata. Obaamaan edana akka saati Amerikaa 9PM irratti,aammaa jalqabdee saatii torbaan duubatti nagaa dhaamata.

Nagaa dhaamachaa tana godina isaa Chikaagoo moohannaa keessaa labsate keessaa dubbata. Magaalii ammoo McCormick place galma wal gahahii Chikaagoo keessa.

Obaamaan guyyaa 10n duubatti bara hujii fixatu kun dubbii galgala dubbatuuf Chikaagoo dhaqaa achiin duubatti haga bara hujii ufi fixatutti DC hin bahu.Yoo bara hujii fixatellee haga intaltii isaa maandhaan Maliyaan mana barumsa sadarakaa lammeessoo fixatutti DC taaa.

Hagasitti ammoo Waashingiton DC keessatti biiroo kireeffatee keessattuu akka paartiin isaa, Demokiraati humna jabeeffattu tolchuuf waan hedduu hojjata jedha.

Doonaldi Tiraampi ka pirezidaantii Amerikaa tahuuf deemu Ammajii 20 guyyaa 10n duubatti kakatee biyya bulchuuf deema.Tiraampi nama gosaan nama jibbuu,ka baqataa biyya alaaa jibbuu,ka nama tuffatu,ka dureessa qofaaf dhaabate jedhanii hiriirii itti bahaa bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG