Xurree ittiin seenan

Breaking News

kaadhimamtoonni Presidentummaa Yunaayitid Isteetis Kallattiin Wal Arguu Dhaan Falmii Cimaa Geggeessan


Kaadhimamtoota Prezidantummaa Ameerikaa Lamaan Prezidaant Barack Obama fi bulchaa Massachusets duraanii Mitt Romney
Kaadhimamtoota Prezidantummaa Ameerikaa Lamaan Prezidaant Barack Obama fi bulchaa Massachusets duraanii Mitt Romney
Filannoo presidedntummaa Sadaasa 6 bara 2012 geggeessamuuf kan wal dorgoman kaadhimamaan paartii dimokraatotaa Barack Obma fi kaadhimamaan paartii Republikaanotaa bulchaan kutaa Masachusets duraanii Mitt Romney falmii isaanii isa jalqabaa geggeessan.

Kutaa United States Denver magaalaa Koloraadootti kan argame Yuniversitii Denver keessatti roobii galgala falmii geggeessame kan jalqaban Prezidaant Barack Obama yoo ta’an yeroo isaan aangootti duufan dinagdee biyya isaanii kufaatii keessa jiru attamiin cimana kana dura qabutti deebisuu akka deeb’iu qabsaa’aa jiraachuu isaanii dubbatan.



Haa ta’u malee gara fuula duraatti hojii hedduun hojjetamuun kan irra jiraatu ta’uu isaa ibsanii barnootaa fi leenjii irratti maallqa baasuu akkasumas dilaala xiqqeessuun biyya isaaniif filannoo garii ta’uu ibsan.

Momituun isaanii Mitti Romneyn gama isaaniin biyi isaanii daandii kana duraattii adda ta’e hordofuu qabdi jechuu dhaan karoora isaaniin kan Mr. Obamaa irra fooyyee qaba jedhan kan akka misooma Inerjii sadarkaa ol aanaatti fooyyessuu, daldala sadarkaa addunyaa itti dabalaa banuu, leenjii hojii babal’isuu, hanqina bajataa xiqqeessuu fi daldalaawwan xixiqqoon akka babal’atan deggeruu ta’uu dubbatan.

President Obaman kampanilee gurguddaa ta’aniif dilaala kan xiqqeessan ta’uu ibsanii carraa dalagaa gara biyya alaatti miliqsuu danda’u kan jedhan daandiiwwan kan cufan ta’uus beekissianiiru. Gara fuula duraatti Inergii malli ittiin babal’isanis humna qilleensaa, kan aduu fi boboa’aa biqiltuuwwan irraa argamu of keessaa qabaachuu qaba jedhan.

Karoorawwan bu’uura misoomaa akkasii hojii irra oolchuuf garuu lammiiwwan Ameerikaa galii giddu galeessaa qaban irratti dilaala itti dabaluu dhaan ta’uu hin qabu jechuun Obamaan yaadachiisaniiru.

Mitt Romnyen gama isaaniitiin lammiiwwan galii giddu galeessaa qaban kun tuullaa dilaalaa jalatti ukkaamaman jedhan. Kanaafis jedhan Romneyn dilaalli namoota dhuunfaa fi kampanilee irraa salphachuu qaba jedhan.

Hojiin mootummaa inni duraa nageenya uummataa eegsisuu dha kan jedhan prezidaant Obaman uummatichi jireenya milkaa’aa akka qabaatuuf haala mijeessuu qabna jedhan. Kanaafis mootummaan yeroo darban keessa daandiiwwan baaburaa diriirsuu, waaltaalee qorannaa fi barnootaa ijaaruu fi babal’isuu kanneen jdhan irratti deggersa kennuu isaas yaadachiisaniiru.

Mr. Romneyn immoo qoodi mootummaa heeraa fi wal qajeelfama labsii walabummaa eegsisuu akkasumas kunuunsuu ta’uu ibsanii kun hojii irra ooluu kan danda’u waraanni biyyattii yoo cimsuu, wal danda’uu amantii mirkaneessuu fi murannoo agarsiisuu, maanguddootaa fi kanneen qaamaa hir’uu ta’aniif kunuunsa gochuu dhaan uummati abjuu isaa akka dhugoomsuu walabummaa isaa eegsisuun ta’uu ibsan.

Presidentichi xumura haasaa isaanii irratti waggootiin itti aanaan keessa waggoota arfan White House keessa turan keessatti ba’ii cimina agarsiisanii irratti dhaabachuu kan hin feene ta’uu ibsanii marsaa lammataa irratti akkuma isa duraanii cimanii kan hojjetan ta’uu dubbatan.

Mr. Romneyn immoo xumura haasaa isaanii irratti waggoota arfan darban keessa jechuunis lammiiwwan Ameerikaa jireenya giddu galeessaa qaban irratti yeroo ba’aan irratti jige ture jedhan. Yoo isaan filataman carraa dalagaalee miliyoona 12 kan banan ta’uu isaanii fi kunuunsa eegumsa fayyaa jechuun kan presidentichi ittiin beekaman hambisanii kan birootiin bakka kan buusatan akkasumas baasii waraanaaf ba’u kan hin hiri’isne ta’uu waadaa seenan.

Falmii Roobii galgala geggeessametti dabaluu dhaan kaadhimamtoonni lamaan falmii itti dabalaa lama itti aantonni kaadhimamtoota ta’an immoo yeroo tokko falmii kan geggeessan ta’uun karoorfamee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG