Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezdaanti Obaamaan Gaanaan Biyya Oduun Dansaa keessaa Dhagahan Jedhu


Gaanaa fi Amerikaan biyya bara hedduu hariyaa walii tahan,biyyitii Prezdaantiin Amerikaa,Baraak Obaamaa gaafa filatame qaraa dhaqee waan mootummaa dansaa qabaachuu irratti Gaanaan fakkeenna taati jedhu.

Perezdaantiin Amerikaa,Baraak Obaamaa yoo prezdaantii Gaanaa,Joon Attaa Miilsiin White Hosuetti wal mari’atan haga guddaan waan biyyiti tun lamaan waliin qabaachuu dandeettu irratti wal mari’atan.

Yoo Marii tana keessatti prezdaantii Obaamaan biyya oduu dansaa keessaa dhagan jedhee faarse.

Tana malee perezdaanti Obaamaan prezdaantii Gaanaa kana waan hedduun faarsa,nama gadaan isaa waan hedduun milkoofteef,nama biyyiti isaa guddatteef namii biyya isaa midhaaniin ufi dandahe ka biyya alaatii namii hedduun dhufee investiemtii itti hojajtu fa jedha.

Ka namii biya isaa cuftii mirga addunyaan kenniteef hubatee akka waan ilmeen namaa argachu malte argatee jirachuu isaa arguu fedhu fa jedhu.

Joon Attaa Miilsilleen Amerikaa fi Gaanaa waan faaydaa demokiraasii irratti waan hedduun walii galti jedhu.Prezdaatniin Gaanaa akka filannoo isaanii ta dhufuutti jirtu,akkuma namii Afrikaa hedduulleen isaan irraa eegutti ta nagaa taatu hojjannaa jedhu.

Mee Qophii tana MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG