Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baagboon Aangoo Gad Hin dhiisu Jedhu


Mana jireenyaa prezidaanticha aangoo gad dhiisuu didanii kan Looren Baagboo cinatti lolli hamaan geggeessamaa kan ture ta’uun gabaasamee jira.

Kan filannoo presidentummaa biyyattii injifachuun isaanii beekkannaa sadarkaa addunyaa argate loltoonni deggertoota Alasan Wattaaraa har’a mana jireenyaa Mr. Baagboo kan Abijan weeraranii jiran.

Dubbi himaan Mr. Wattaaraa Affousy Bamba loltoonni deggertoota wattaaraa keellaa sana seenaniiru garuu presiden Baagboo qabuu hin dandeenye. Gargaartonni Mr. Wattaaraa akka jedhanitti loltoonni sun Mr. Baagboo lubbuun utuu jiranii akka qaban ajaji itti kenname.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG