Xurree ittiin seenan

Breaking News

Senaataroonni Yunaayitid Isteetsii fi Atileet Fayisaa Leellisaa Waliin Dhaabbatanii Waa’ee Dhiittaa Mirga Dhala-namaa Itiyoophiyaa Keessaa Ibsa Kennan

Kan Riyootti Maraatonnii injifatee, mormii Oromoo agarsiise fi gidduu kana as Yunaayitid Isteets galee jiru – Atileet Fayyisaa Leellisaa ibsa kenname kana irratti argamee, ofii illee illee ibsa kennee ture. “Dhiittaa mirga dhala-namaa hamaa tu uummata Oromoo irrattii fi uummatoota Itiyoophiyaa ka biroo irratti geggeessamaa jira. Kun dhaabachuu qaba” jechuudhaan, aangawoota Yunaayitid Isteets seericha raggaasisuuf hojjetaa jiranii fi ibsa kennan illee galateeffatee jira. Fayisaa fi Seneetaroonni Yunaayitid Istees waliin harka isaanii ol qabanii wal-qaxxaamursuun mallattoo mormii Oromoo illee agarsiisan.

San booda, Waltajjii addaa, Hoteela Finiksi jedhamu kan as Waashinton Diisii keessatti Atleet Fayisaaf qophaa’e irratti illee, Atileetichi waa’ee miidhaa barootaaf uummata Oromoo irrattii fi uummata Itiyoophiyaa irratti geggeessame jechuu gaazzexeessotaa sadarkaa Addunyaa hedduu achitti argamaniif ibsa bal’aa kennee jira. Soraa fi Tigist, jalqabaa haga xumuraatti qophiilee lameenuu hordofanii gabaasaanii jiran.

Guutummaa gabaasaa kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG