Xurree ittiin seenan

Breaking News

Projeektiin Jallisii Fantaallee Horsiisee-Bulaa Jireenna Daldalaatti jijjiiruutti jirti


Warrii tana hin argatiin ammoo ammallee rakkuma durii san keessa jira

Jireennii horiisee-Bulaa Karrayyuu ka Shawaa gama Bahaa jireenna olii-gadiiti, waan akka akkaatiin rakkata. Hujiin Jallisii Fantaallee, ka laga Awaash lafa gammoojjiitti gorsiisuun yokaan maqsuun lafa itti misoomsuuf akeekame Kiiloomeetira 80 keessaa hagi Kiiloomeetira 45 dhumate.Jallisiin tun akka abbootiin warraa kuma hedduu midhaan facaafatanii daldala jalqaban tolchite, jedha aangawoonni qabeennaa bisaan Oromiyaa.

Naannoo Fantaallee ta Jallisii argatan keessa abbootii warraa kuma 60 tahan ka qubatan taatullee nama kuma 10 tahuti misooma kana dhandhamuu jalqabe. Jallisiin tun akka namii hedduun faana horii qofa yaahuu irraa daldala ufii qabaatu goote, jedhu Obbo Biifaa Badhaadhaa itti gaafatamaan Biiroo Hujii Qabeenna Bisaan Oromiyaa. Hujii Jallisii Fantaallee tanallee Biiroo isaaniitti hojjatta.

Hujiin lafa gammoojjii keessatti dhagaa volkaanoo cabsaa, bisaan jallisuu tun jabduu akka taate ka dubbatan, Obbo Biifaan,"taatullee yoo jireenna ummati naannoo tanaa keessa tureen walitti-ilaallee kun laaftuu,”jedhu.

“Hujiin tun jireenna naannoo tanaa guddoo jijjiirte…taatullee horsiisee bulaan “Canal” yokaan bo'oo bisaanii tana suphachaa waan argate kun akka jalaa hin babbadne jabeeffachuu akka danda'u tolchuuf leenjii argachu male" ka jedhan ammoo, Obbo Abrhaam Adulaa,bulchaa godina Shawaa Bahaati.
"Ollooti bisaan kun hin gahin hedduun ammoo rakkoo keessa taahanii abdiin eegachuutti jiran,” jedhu.Warrii daldala jalqaban gabayaa, fayyaa isaanii fi horii isaanii qabaachuu dubbatu, Obbo Abraham.

Obbo Roobaa Fantaallee Boruu, jara Jallisii Fantaallee irraa faayidaa argate jedhan keessaa tokko.

“Ganda keenya ka ollaa 600-700 qabdu keessaa nami woofcoo dhaabate, mana qorqoorroo jaarratee fi jireenni jijjiirameef hedduuti jira,” jedhu.

Hujii Projeektii Fantaallee tana mootummaa naannoo Oromiyaa tu birrii miliyoona 370 caaltuun hojjachuutti jira.Hujiin marsaa qaraa yokaan duraa, ka Kiiloomeetira 45, gara ganna afuriitti dhumatte. Hujii kana ilaalchisuun, qophii kutaa lamaan dhiheessine dhagahaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG