Xurree ittiin seenan

Breaking News

Goonder,magaalaa Metemmaa keessaa Tigree kuma hedduutti baqatee Humeraatti gale


Magaalaa Goonder
Magaalaa Goonder

Akka jarii Metemmaa keessaa baqate jedhutti walumattu Tigree 8,000 tahanitti Suudaniin qaxxaamuree Humeraatti gale ammallee nama hedduutti baqaaf karaa jira jedhan.

Jari kun paartii bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa EPDM faallee rakkoo nama baqatee faluu didanii adoo arganuu itti dhiisan jedhee himate.

Bulchaan magaalaa Metemmaa obboo Isheetee Melkee ammoo rakkoon tun Hagayya 25 jalqabde jedha.

"Ijoolleen kahimaatti walti dhufee rakkoo wayii uume qabeenna heddutti miidhame.Jarii nagaa eegu itti dabalamee nagaa eeguu irratti nama haga shaniitti lubbuu dhabe.Dhaabbilee haga 80 tahan irrallee miidhaatti gahe.”

Akka warrii baqate kun jedhutti “naannoo Amaaraa keessatti asi achi wantii Tigree jedhan jiraachuu hin malle Tigrinyaa asitti haasahuun hin taatu jedhanii rakkoo nutti fidan,”jedhan.

Jarii Tigree saamee horii isaaniillee saame jedhan akka warrii saaman jedhutti milishaa qawwee qabdu.

“Waan tokkollee harkatti hin qabannee ufumaan baqadhee bahe.Wayaa tokkollee harkaa hin qabuu Suudanitti gale.Suudanitti nu simatanii achii Humeraatti dabarre. Nyaataa dhugaatii fi fulaa bultiillee nuu kennaniin akka dansaa jirra.Yoo laftii nagaa taate ammallee achumatti deebina," jedha jarii baqate.

Akka bulchaa aanaa Metemmaa jedhitti ammoo ammoo dubbiin Tigree Metemmaa baqachiifte dubbii saba sun qofa achii baasuuf dhuftee miti.

"Wannummaan akkanaatuu hin jirtu.Jari nuu gaafanelleen ijoolllee kahimaa dubbiin hin galiniiftti tana tolchee nuu jedhan.Jarii nuu gaafannu ka rakkoo nutti fide ummataamiiti jedha.Adoo ummatii rakkoo tana hambisuu baate hagana caala hammaatiyyu.Ummatumatti warra rakkoon irra geettellee nutti irraa hambisaa jedhee waadaa gale. Qabeenna isaaniillee deebisuuf faluutti jirra.”

Dhalattoota Tigraay naannoo Amaaraatii baqatan kana koree naannoo Tigraay keessatti qabusiifutit jira.Koree tana itti gafatamaa biiroo Qonna Tigraay obboo Hayilee Asfihaati.Akka innii jedhutti jara kana beekuma beekaa waan jarii Tigree taheef achii baasan.

Jarii kun akka jecha itti gaafatamaa kanaatti oduu Ginbooti 7, Facebook fi ESAT irraa kahee isaan lola.

Akka jecha isaatti jari akkana nama fixu kun seera Itoophiyaan bultun Feeraalsizlimi jissuu alaabaa Minilik ka durii deebisuu fedha.

Akka itti gaafatamaan paartii Guutummaa Tokkummaa Paartilee Amaaraa obboo Adaanee Xilahun jedhutti rakkoon nama Tigree naannoo Amaaraa jiraachaa bahe irra geette tun waan gosa tokko balleessuuf bahee miti.

Sabii kun lamaanuu Amaaraa fi Tigree akka jecha obboo Adaaneetti warra waliin jirachaa bahe ka akka sabaatti rakkoo walti fiduu miti.Warra nagaa hin jaalannetti Amaaraatti Tigree fixeef bahe jedhu dubbataa jedha.

Dhalattootii Tigree dhiyoo tana Metemmaa baqatanii Humeraa gahan haga guyyaa lamaatin duraatti nama 2010.Ji’a diqqaan duratti ammoo rakkoo dhalatteen ammoo nama 5000 tahutti rakkoo akkanaa baqatee naannoo Tigraayitti gale jedha itti gaafatamaan Biiroo Qonnaa naannoo Tigraay, obboo Hayilee Asfaahi.

Rakkoo naannoo Metemmaatti Tigree baqachiifte kana Solomoon Abaatee bulchoota Federaalaa hedduu bilbilee deebii quubsaa argachuu hin dandeenne jedha. Waan warra baqatee fi bulchootii jedhan asi irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG