Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Torbaan Oromoo’ guyyaa marii hawaasaa,dorgommii ispoortii, fi qophii bashananaa qofaa mitii guyyaa waan hedduu qaabatan


OSFNA 2016 Deeggartoota garee Kilabii Leenca DC,MN
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:44 0:00

OSFNA 2016 Deeggartoota garee Kilabii Leenca DC,MN

Oromo Week,Torbaan Oromoo qophii hawaasii Oromoo baruma baranaan walitiin dhufu eegii godina Minisootaatti ulfeessuu jalqabanii amma ganna sadeessoo keessa jiran.

Qophii Torbaan Oromoo bara 2016
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:16 0:00
Xurree marsariitii

Guyyaan kun guyyaa barana Hagayya 30-Adoolessa 6 ,2016 magaalaa teessoo godina Minisootaa, (MN)St. Paul, Biruukliin Parkii fi Miniyapoolis keessatti ulfeessan.

OSFNA Bara 2016
OSFNA Bara 2016

​Bulchootii mnagaallan tanaa proclamation, seera eennummaa qophii tanaatiin mirkaneessan baasanii akka ummatii bahee ulfeeffatan labsaniif.

Dorgommii ispootii hawaasa Oromoo, Oromo soccer Federation of North America (OSFNA) qophii torbaan Oromoo irratti dhiyaatte keessaa tokko. OSFNAn eegii jalqabee ganna 20eessoo keessa jira.

Dorgommii baranaa irratti kilabii 27 Amerikaa gama kaabaa fi Awustiralaiyaa irraa dhufanitti irratti wal dorgome.

OSFNA 2016
please wait
Embed

No media source currently available

0:00 0:03:48 0:00

​Bulchaa magaalaa St.Paul Chris Coleman Qophii Torbaan Oromoo keessatti

Dorgommii baranaa kilabii MN, 11 STARS jedhanitti shaampiyoonaa ta’e. Bulchootii godina MN qooda Oromoon gama dinagdee,siyaasaa fi waan akka akkaatiin magaalaa tana keessaa qaban jabeessuu fi guddisuuf Torbaan Oromoo labsaniif. Qophiin akkanaa akka bulchootii MN jedhanitit waan ummata biyya ufii keessaa baheen jajjabeessan keessaa tokko.

Qophii,aadaa,eennummaa,dhiphuu fi balinna ufii itti wal barsiisan.Bulchiinsii magaalaa Minnisapolis,St.Paaulii fi Brookliyn Paarki qooda Oromoon godina kana keessaa qabaatu guddisuu fi jajajbeessuuf waggoota sadiin duratti guyyaa kana kenneef. Minisootaa keessaa Oromoo 40,000 jiraata.

OSFNA 2016
OSFNA 2016

​Dorgommii akkanaa tana hawaasa Oromootti qopheessa. Qophiin sun akkamitti deemte jennee Facebook afaan Oromoo irraa ilaaluu hin oolatan.

Mee facebook keenna irraallee asi irraa ilaala. https: //www. facebook. com/VOA-Afaan-Oromoo-137401322961858/

Torbaan Oromoo baruma baranaan Minisootaa keessatti ulfeessan. Dorgommii kubbaa miilaa ammoo godina Amerikaa akka akkaa irra maranii kopheessan,ka arana dhufuu Waashington DC keessatti qopheessan.

Qophii akkanaa tana hawaasa Oromootti kopheessa qophii baranaa asi irraa caqasaa.

XS
SM
MD
LG