Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorannaan haaraa gaggeefaman maal hubachiisan?


Biyyoota addunyaa irra jiran hiyeeyyii ykn dureeyyi ta’an kam iyyu keessatti, dhukkuba sukkaaraan qabamuu hatattamaan baranii wal’ansa argachuun rakkoo ta’uu ibsamee jira.Qorannaan biyyoota 7 kanneen Awuroopaa Ashiyaa, giddu galeessa bahaa fi Amerikaa keessatti gaggeefame akka agarsisuutti, namoonni harka caalaan dhukkuba sukkaaraan qabamuu isaanii hin beekan.

Emmanuueel Gakeeduu yunivarsitii washington irraa qorannaa kana kan gaggessan yoo ta’u, ga’eessonni dhukkuba sukkaaraan qabaman wal’ansa barbaachisuu argatanii dhibbaa dhiigaa, baayyina sukkaara dhiiga isaanii keessa jiru fi kolestroolii to’achuu hin dandeenye jedhan.

Qorannaan gaggeefame ka biraan akka agarsisuutti, Dubartoonni yeroo ulfaa hanqina nyaataan miidhaman, mucaa ulfinni qaama isaa xiqqoo ta’ee fi dhibee fayyaa adda addaa qabu da’uuf carraa guddaa qabu. Kana malees yeroo ulfaa waan nyaatan hanqisuun guddina sammuu mucaa dhalatuu irratti dhiibbaa qabaata.

Qorannaa kana kan hogganan Thoomaas Mak Donaald akka jedhantti, dubartonni yeroo ulfaa nyaata ga’a hin arganne, mucaan gadameessa keessaa rakkoo amalaa akka qabaatu, waa hubatanii sirritti baruu dadhabu akkasumas qaroomnii sammuu ykn IQ dadhabaa ta’uu tu isa mudata.

MP3 tuquun dhaggefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG