Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waggootii Torbaaf Lafa Qonnaaf Iyyannee Deebii Dhabnaan Lafoo Jimmatti Galle:Qubattoota - Kutaa 2ffaa

Godina Iluu Abba Boor aanaa Dambii keessa kanneen qubatan kun waggootii darban torbaaf laftii qonnaa kennameef bishaaniin kan liqiimfame ta’u ibsuun laftii qonnaa ka biraa akka kennamuuf iyyatu. akka jiran dubbattu.Beelaaf saaxilamne namoonnis du’aa jiru jedhu.

Dhuma irratti nu gamnaan Dambii irraa lafoo kaanee Finfinnee dhaqqabuun mootummaa naannoo oromiyaatti iyyachuuf karoorfannee yeroo laga Gibeetti dhiyaannu gara magaala Jimmatti nu deebisaan jedhu.

Kamiisa Caamsaa 14 fi 15 bara 2017 aangawoonni Oromiyaa fi kan godina Bunnoo Baddalle Jimmatti argamuun qubattoota kan haasofsiisan yoo ta’u Dilbata kaleessaa jechuun Caamsaa 14 bara 2017 kaasee Magaalaa Jimmaa irraa bakka Yambaroo jedhamutti qubattonni geessamanii jiru.

Erga Yambaroo dhaqqabanii kaasee nyaata kan nuu kenne hin jiru jedhu.Achittis uummata naannootu nyaata hanga tokko nu kenne-uus xiqqaachuu isaa irraa kan ka’e qubattonni irratti wal looluu isaanii dubbatu.Kana malees bilbila harkaa qubattoota harkaa funaanaa kan jiran ta’u dubbatu.

Waggootii Torbaaf Lafa Qonnaaf Iyyannee Deebii Dhabnaan Lafoo Jimmatti Galle:Qubattoota - Kutaa 2ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:31 0:00

XS
SM
MD
LG