Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ragaaleen dogoggoraa kan dhiittaa mirga namaa beekaa tamsaasaman jiraachuu mootummaan Itiyoopioyaa beeksisee jira


Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Lammiiwwan hagi tokko kan kana hojjetan miira uummatichaatti bu’uuf akkasumas ilaalcha humnoota nagaa eegisan balleessuuf ka jedhan dubbi himaan waajjira kominikeeshinii Itiyoopiyaa gochi Dambi Dollo keessatti raawwatame akka fakkeenyaatti tuqan. Humnootiin nagaa eegisisan kanneen dhiittaa mirgaa akkasii raawwatan jiraannaan garuu sirna jiru bakka hin bu’an jedhan. Kongresi federaalawaa Oromoo garuu kan D/Ds haa ta’u bakka birootti dhiittaan mirga namaa kun raawwachuun dhugaa dha jedha.

Dhiittaa mirga namoomaa humnootii nagaa eeganiin geggeeffame jedhame kan ilaaleen deebii kan kenne mootummaan Itiyoopiyaa kanneen keessaa hanga tokko qulqulleeffachuu isaa ibsee jira.

Dubbi himaan waajjira dhimmootii kominikeeshinii mootummaa Itiyoopiyaa obbo Mohammed Se’id akka jedhanitti isaan akkasii odeeffannoo beekaa qindaa’anii uumamanii dhiyaatan jedhan.

Kanneen keessaa tokko Godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti gocha raawwatame maqaa dha’an. Gochi kun kan geggeeffame kibxata Qaammee 1 bara 2008 ture. Sagaleen dhukaasaa akka ture kan ibsan namoonni ijaan argan miliquuf fiigaa kan ture dargagguu umuriin waggaa 16 Haayiluu Efreem rasaasaan dha’amee ajjeefamuu dubbatan. Dargaggeessi ka biraan Ibsaa Rundee jedhamu illee dallaa mana isaa keessatti ajjeefamuu ibsan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Ragaaleen dogoggoraa kan dhiittaa mirga namaa beekaa tamsaasaman jiraachuu mootummaan Itiyoopioyaa beeksisee jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:40 0:00

XS
SM
MD
LG