Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoo Naannoo Jimmaatti Uumammetti Gareen Kewaarej Himatame


Godina Jimmaa magaalaa Asaandaaboo fi naannootti waldootii kristaanaa fi manneen jireenyaa amantootaa gubameef garee lellistoota Islaamaa Kwareej jedhamu mummichi ministeera Itiyoophiyaa Mallas Zinawii himatanii jiran.

Obbo Mallas oduu gabaastootaaf ibsa kennaniin waldootiin kristaanaa gubamuun kan isaan yaaddesse ta'uu hubachisanii,dhaabbatooti amantii kan hawaasa musliimaa keessa gareen leellistoota hangi tokko akka jiran ni amanna jedhan.

Gareen kwaareej fi leellistonni ka biroon walii-obsii amantii akka hin jiraanneef naannoo sanatti lallabaa akka turan ni beekna kan jedhan Obbo Mallas, lellistummaan islaaamaa fi gareeleen shoroorkessotaa kutaalee biyyatti ka biroo keessatti akka hin babal'anne gochuuf hordoffiin kan godhamu ta'uu hubachisan.

Gama kaaniin immoo giddu galeessa bahaa keessumaa yemen keessatti mormiin mootummaa irratti gaggeeffamu mootummaa dadhabsifnaan Al-Qaidaa figareen leellistootaa naannoo sanatti jajjabeessuu malu jechuun sodaa qaban ibsanii jiru Obbo Mallas.

Itiyoophiyaa keessaa fi alaa bulchiinsa IHADIG kan waggoota 20 lakkofsisee kuffisuuf yaaliin akka jiru kan ibsan mummichi ministeera Itiyoophiyaa deemsiiakkasii Itiyoophiyaa keessaa irratti kun hin hojjatu.Garuu yeroo kana jennu moo kanneen yaalii godhan hin jiran jechuu miti jedhan.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG